Saturday, June 7, 2014

Barataa Nimoonaa Xilaahun Mirga Saba Oromoo Kabachiisuuf Jecha Goota FDG 2014 Irratti Wareegame

Nimoonaa XilaahunNimonaa Tilaahun Imana Godina Wallaga bahaa Magala Jimmaa arjootti dhalate. Barumsa isaa sadarkaa ol aanaa University Finfinnetti bara 1996 A.L.H seene Department Banking and Insurance utuu baratuu ,Sababa Mormii Magalaa guddoo Oromiyyaa Finfinne irraa gara adaamatti fi Diigamuu maccaaf Tuulamaan Waggaa tokko adabamee ture. Itti debi’ee Bara 1997-1999tti “BSc / Banking and Insurance “ dhaan eebbifamee, Bara 2000 A.L.H godina shawaa kaabaa aanaa Qimibitti/magalaa shanoo utuu barsiisuu hiriyoota isaa biraa konkolataan Lakk Gabatee 3F kan jedhamuun Tika wayyanee humna Federalaan qabamee, ji’a tokkoon booda Mayikalawwitti argame achitti mana hidhaa dukkanaa keessatti dararamaa ture, Isaa booda dhiibba gaafii Maatii fi namootan waan irra dedeebi’ee ka’eef Murtoo hidhaa waggaa 11 itti murteesani ture. Mana hidhaa qaalitti fi Zuwayii keessaatti garafamuu dhaan,Reebicha garmalee irra ga’een dhibee dhukkubaa gadhate. Bara 2004 A.L.H tti Hospitalaa Xiqur-ambassatti garaa baqaffatee, Madaan isaa utuu hin qoorin gara mana hidhaa Qaallititti geessan. Achitti doorsisaafi daraa guddaattu irra ga’e, dhukkubni isaa itti hamaachaa dhufee jenaan gara Hospitaala Xiqur-ambassatti fidan, utuu yaalamaa jiru Guyyaa haraa ganama keessaa s’a 12:00 irratti Lubbuun isaa dabartte. Yeroo ammaa kana Reeffi isaa Hospital Minilik jira. Maatiin , firri fi hiriyoon isaa egachaa jiru.

No comments:

Post a Comment