Friday, June 27, 2014

Breaking News‎:Wallagga Magaalaa Beegii Keessatti Dargaggoonni Oromoo Lama Mana Hidhaa Wayyaanee Cabsaanii Miliquu Irraan Kan Ka’e Ummanni Loltoota Wayyaaneen Goolamaa Jira,Haati Dargaggoo Abush Takkaalaa fi Maatiin Isaas Hidhaan Dararamaa Jiru.

Gabaasa Qeerroo magaalaa Begii irraa Waxabajii 26,2014
Dinne GabrummaaTorbee kana keessa mootummaan Wayyaanee yakkaa fi badii tokko malee namoota 5n irratti murtii hidhaa waggaa tokkoo olii dabarsuun isaa gabaasuun keenya ni yaadatama. Namoota mmurtiin itti kenname keessaa Suleemanii fi Abbush Taakkalaa kan tahan murtiin hidhaa waggaa tokko itti murtaahuu isaa gabaasnee jirra. namootni kun guyyaama san erga mana hidhaa seenanii booda harka tika Wayyaanee irratti dararamaa jiraachuu irra jechuudhaan mana hidhaa Wayyaanee cabsanii baduun tasa dhabamanii jiru. Haala kanaan kan rifate mootummaan Wayyaanee guyyaa har’aa uummata magaalaa irratti dhukaasa banuun jiraatota magaalaa qonnaan bultoota hedduu mana hidhaatti naqee jira. Qonnaan bultooti guyyaa har’aa hidhaman gariin firoota dargaggoota hidhaa Wayyaanee cabsanii bahan kanaa yeroo ta’an haadha Abbush Taakkaa fi obbolaan isaa osoo hin hafiin hidhamuun dararamaa kan jiran yeroo  ta’u gariin jiraatota ammo magaalaa  haala kanaan wal qabatee har’a dhidhaman keessaa:- 1.Barsiisaa Addunyaa Nigaatuu
2.Dargaggoo Keebiroon Solomoon
3.Dargaggoo Maammush Ahimad
4.Shamarree Shaamsiyaa Ahimad
5.Aaddee Daabee Qalbeessaa- Haadha Abbush Taakkalaa
6.Naasiree Qalbeessaa-Obboleettii haadha Abbush Taakkalaa(obboleettii Daabee Qalbeessa)
7.Aadde Abebaayee Boggaalee-daldaltuudha.
Isaan kun guyyaa har’aa kana mana hidhaa keessatti reebamaa kan
jiranii fi uummata oromoo magaalichaa akka jirutti mana hidhaatti kan guuramanii fi humni waraana wayyanee dabalataan naannicha buufate kan jiru tahuu gabaasni Qeerroo Beegii irraa nu gahe addeessa.

No comments:

Post a Comment