Thursday, June 26, 2014

Mootummaan Wayyaanee Gaazexeessitoota STVO 16 Oduu fi Dokumentarii Dharaa Dubbisuu,Dhiyeessuu Dhabuu Irraa Kan Ka’e Qorannaa Hamaan Booda Hojii Irraa Dhorke

Waxabajjii 26, 2014, Finfinnee (Qeerroo) — Mootummaan Wayyaanee bara dhufaa darbu mara Olola dharaa keessumaa ammo Raadiyoo fi Television mataa isaaf dhaabbateen dhimma bahuun ilmaan Oromoo afaanfaajjessaa, Ololaa fi Dokumentarii dharaa qopheessuudhaan bittaa Umrii isaa dheeressuuf hojjechaa ture. Gaazexeessitootni Raadiyoo fi Televiizyinii Itoophiyaas tahe Oromiyaa dhugaa argan Uummataaf himuu irra dhugaa irraa dabsuun oduu dharaa Uummataaf gabaasuu dirqamu. Sagantaan Raadiyoo fi Televiizyinii Oromiyaa dhimma Uummata Oromoo, aadaa fi duudhaa Oromoo guddisuuf dhaabbate jedhamee lallabamaa ture dhugaa Uummataa dhaloota isaa irraa kaasee osoo hin baasiin as gahe. Hojjettootni Dhaabbata kanaa yeroo mara oduu dharaa dubbisuun seenaa xuraawaa dibachuu hin barbaadne, Kan seenaan uummata Oromoo akka ukkaamamu hin barbaadne gaazexeessitootni STVO hedduumminaan Mormii dhageessisuu fi oduu dharaa hin dubbisnu jechuun wayita gaafatanitti mootummaan Wayyaanee dirqama isinitti kenname hojjettu malee kaan dubbachuu mirga hin qabdan jechuun gaazexeessitoota ilmaan Oromoo qorannaan rakkisaa turuu irraan darbee hojii irraa arii’ee jira. Gaazexeessitootni kunneen Fincila keessatti hirmaannaa qabdu, Uffata gaddaa uffattanii jirtan, dirqama keessan seeraan bahaa hin jirtan jedhamuun kan hojii irraa dhorkaman yoommuu tahu isaanis
  1. Gaazexeessaa Abdiisaa Fufaa
  2. Gaazexeessaa Yusuuf Warqeessaa
  3. Gaazexeessaa Abdii Gadaa
  4. Gaazexeessaa Darajjee Gonfaa
  5. Gaazexeessaa Olaansaa Waaqumaa
  6. Gaazexeessaa Baqqalaa Atoomaa
  7. Gaazexeessaa Isqaa’el Aragaaw
  8. Gaazexeessaa Bosonaa Dheeressaa
  9. Gaazexeessaa Margaa Angaasoo
  10. Gaazexeessaa Anuwaar Sirriisaa
  11. Gaazexeessaa Xilahuun Magarsaa
  12. Gaazexeessaa Birraa Laggasaa
  13. Gaazexeessaa Zallaqaa oljirraa
  14. Gaazexeessaa Abdiisaa Taganyii
  15. Gaazexeessaa Ayyaanaa Cimdeessaa
  16. Gaazexeessaa Kibabaw Obsaa
Yoommuu tahan Gaazexeessitootni kunneen Oduu dharaa fi olola sobaa Uummata Oromoo irratti gaggeeffamu akkasumas Dokumentarii dharaa Uummata Oromoo fi Qabsoo Oromoo irratti gaggeeffamu keessatti akkaataa dirqamni kennameen bahachuu diddan jedhamuun kan qorannoo hamaan booda hojii irraa kan arii’aman yoommuu tahu Uummata Oromoof dhugaa dubbachuuf kutannaan diina dura dhaabbachuun dirqama Oromummaa bahachuun gahee hundaa tahuu Qeerroon Bilisummaa waamicha dabarsa!

No comments:

Post a Comment