Because I am OromoGabaasa Qeerroo Finfinnee Qaama Mootummaa keessaa Saadasa 4,2014 argame akka ibsutti,Yeroo ammaa ilmaan Oromoo mana hidhaa mootummaa abbaa irree Wayyaanee keessatti dararri irra gaha jiru hedduun dhukkuba garagaraan saaxilamaa jiru, baatii Ebla 2014 irraa kaasee ilmaan Oromoo mana hidhaatti guuramaa jiraan lakkofsaan guddaa tahan baayinaan mana hidha Maa’ikelaawwii keessatti kan argaman reebicha hamaa irraan, rakkoo nyaataanis wal qabatee dhibee qaamaa fi dhukkuba garagaraan akka saaxilaman kan taasise mootummaan abbaa irree Wayyaanee ammallee dhibeedhuma qabaman keessattillee humna poolisiin reebsisaa kan jiru yoo tahu ilmaan Oromoo kutatoo tahan hanga du’aatti Oromummaa keenya gadi hin dhiisnu jedhanii hidhaa keessatti addatti ammo manuma hidhaa keessa jiraachuudhasn hidhamtoota ijaaran, maqaa waaqeffannaa jedhamuun dargaggoota ijaaraa jiran, buusii dhimma aadaa fi afaan Oromoo guddisuu jedhamuun funaanuun, akkasuma quunnamtii qaama alaa waliin gaggessuu hin dhiifne jechuudhan mootumman Wayyanee mana hidhaa Ma’ikalaawwii jedhamu keessatti dararra itti jabeessa kanneen jiran keessaa:
1.Qana’aa Chuuchee-Shgarr lixaa Amboo kan hidhame
2.Ayyaantuu Margaa-Shgarre lixaa Amboo irraa kan hidhate
3.Rabbirraa Atoomsa-Shagar  lixaa Amboo
4.Warqinaa Mul’ataa-Shar lixaa Gudar irraa kan qabamee hidhamer
Kan maqaan isaanii yeroodhaaf nun qaqqabin yoo tahu baatii caamsaa keessa mana hidhaa keessa erga galanii eegalee motummaa Wayyaaneen dararriin irraa dhaabbachaa kan hin jirree fi qaami isaanii haalaan miidhamee jiraachuu gabaasi nu gahe addeessa.