Tuesday, November 25, 2014

WAREEGAMA HANQISUUF, MARIIN MURTEESSAADHA !

SEENAA Y.G (2005) | Sadaasa 23, 2014
Qabsoon Oromoo, bu’aa ba’ii hedduu keessa dabree har’a irra ga’ee jira. Qabsoon Oromoo har’arra ga’uuf wareegama ol aanaa nu kafalchisee jira. Wareegama Lubbuu , Qabeenyaa, beekumsaa , jireenyaa, waa maraa itti baafneerra. Wareegamni nuuti itti baasaa jirru bifa lama qabaachuu ni mala. Tokko, wareegama Qabsoo kana jiraachisuuf kafalameedha. Inni lammaffaa ammoo, Mirga Ummata Oromoo kabachiisuuf Qabsoo gaggeeffamu keessatti wareegama baasaa jirrudha jechuu dandeenya. Qabxiileen kun lameen Qabsoo Ummata tokko keessatti kan mudachuu danda’an, garuu tokko isa tokkof rakkoo Umuullee kan danda’aniidha.
Qabxiin 1ffaa, Wareegama, Qabsoo jiraachiisuuf baafamu irra jireessi, dhimma rakkoo keessa ofiitti umamuun kan wal qabatuudha. Sababaa adda addaan gaaga’ama dhaaba tokko keessatti umamuun of baraaruuf sochiin taasifamu fi wareegamni kafalamu, kan Qabsoo jiraachisuu keessatti ibsama.Qabsoon Ummata Sanaa akka diigamee hin banneetti, Namoonni cichoomiina qaban ijibbaati taasisan wareegama gama kanaan kafalamu keessatti hammatama. Wareegamni kun kan kaleessa waliin kakatan asi deebi’ee wareegama nama kafalsiisuuf yaalii taasisuun kan Umamuus ta’uu mala. Walumaa galatti diina qawween falmituttidabalata , rakkoo keessa ofiitti diinaanis ta’uu kanneen dantaa dhuunfaa dursaniin balaa umamu irraa, Qabsoo saba kee jiraachisuuf wareegamni baaftu ni jira. Wareegamni kun hedduu ulfaataadha. inni 2ffaa, Diinuma Qabsoo Oromoo dura dhaabbatee jiru waliin falmaa bifa hundaa gaggeeffamu keessatti wareegama kafalamuudha. Wareegama bifa maraa kan hammatuudha. Qabxiilee kana gadi fageenyaan yoo ilaallee , waa lama nu akeekan. 1, Qabsoo jiraachisuuf yeroon fudhatu, diinaaf Umurii akka dabaluu,, 2, Diina isa innikkaa dura dhaabbachuuf, keessa ofii sirreeffachuun murteessaa ta’u.
Haaluma kanaan, keessa ofii odoo hin jabeeffatiin diina nu dura dhaabbatetti quba qabuun, injifannoo hawwinu akka nuf hin argamsiifne tilmaamuun nama hin dhibu. Diina nutti dhukaasee nu galaafachuu qofa barbaabaadu ofirraa ittisuuf, bakka dhaabbannee jirru ilaallachuun murteessaadha. Diina filannoo tokkicha qabatee nu dura dhaabbate kanaaf falli jiru maal ta’uu akka qabu odoo hin murteeffannee, ykn yoo xiqqaatee yaada jiru irratti quba odoo wal hin qabaannee, Yaadaa fi qalbiin bakka gara garaa dhaabbannee, sochiin taasifnu, Qabsoo jiraachiisuu keessaa nu baasee, diina irratti akka xiyyeeffannu nu hin gargaaru jechuudha. Diinni har’a nu dura dhaabbatee jiru, Dhiiga Oromoo kan qabu kamuu diina kootii jechaa jira malee, Maqaa Dhaabaan adda nu baasee nutti dhukaasaa hin jiru.
WAREEGAMA HANQISUUF , MARIIN MURTEESSAADHA !!!.docx

No comments:

Post a Comment