Friday, November 7, 2014

Barattootni Yuunivarsiitii Amboo Department ”Agriculture and Bio-Processing Engineering” barachaa jiran Oromummaa Qofaan Yuuniversiti Irraa Beekkamtii Dhaban. Department kanaan walqabateen Barattootni Waggaa 2ffaa Hanga Waggaa 5ffatti Barachaa Jiran Baay’inni Isanii 415 Olitti Kan Lakka’amanis Barnoota Dhaaban.‏

Gabaasa Qeerroo Lixa Shaggar,Sadaasa 06,2014

Wallaggaa1Barattootni Yuunibarsiitii Amboo Department ”Agriculture and Bio-Processing Engineering” barachaa jiran Yuuniversitichatti beekamtii dhabuu Department kanaan walqabateen barattootni waggaa 2ffaa hanga waggaa 5ffatti barachaa jiran baay’inni isanii 415 olitti kan lakka’aman barnoota dhaaban.
Sadaasa 5/2014 Guddinaa fi Tiraanisfoormeeshiniin Wayyaanee EPRDF biyyatti keessatti uummata gara doofummaa, wallaalummaa, hiyyummaa bara baraa fi rakkoo jiruu fi jireenyatti geessuun biyyattiin har’a biyyaa hojiidhabdummaan keessatti dagaage, biyya mirgi ilma namaa keessatti sarbamu, biyya mirgi dimookiraasii keessatti awwalamee fi biyya mootummaa abba irree afaan qawweetti amanuun bulaa jirtudha.
Barattootni Yuunibarsiitii Amboos balaa ulfaataa sirni kun baatee deemuuf saaxilamuun barattootni Department ”Agriculture and Bio Processing Engineering” waggaa 2ffaa hanga waggaa 5ffaatti barachaa jiran Departmentii haaraa Qo’annaa fi Qorannaa Saayinsiin deegarame malee callisaniidhuma maqaan department qofti waan itti miidhageef hundeessani lammilee biyyatti balaa guddaaf saaxila jiru.
Barattootni yeroo jalqabaaf department kanaan eebbifaman hanga guyyaa har’atti ogummaa barataniin hojii irratti ramadamanii hojeechuun jijjirama ofii fi biyyaaf fidan illee dhabuun hojii dhabdeelee ta’uun jiruu fi jireenya gadadoo keessa jiraacha kan jiran ta’uu irra darbee, iyyannoo hojiin ogummaa baratne kanaaf nuuf haa kennamu hojjetnee biyyas ofis gargaarra jechuun galfataniif Ministeerrii barnoota Wayyaanee EPRDF namni Shifarraa Shuguxee jedhamu department kana nuti hin beeknu, beekamtiis hin kenineef jechuun ifatti deebii keenne ture. Haaluma kana irraa ka’uun barattootni Yuunibarsiitii Amboo wagga 2ffaa hanga waggaa 5ffatti barachaa jiran gaaffii fi Iyyannoo Promotion nuuf haa hojjetamuu malee departmentii sirni barnoota ministerii barnoota keessan hin beekne akkamiin baranna? Maaliif lammii biyyattiitti taphattu jechuun bulchiinsa Yuunivarsiitii Amboo gaafachuun deebii waan dhabaniif, Iyyannoo isaanii gara Ministera Barnoota wayyanee EPRDFtti dhiyeeffatan ,deebiin wajjira ministeraa barnoota Wayyaanee irra kennameef ‘amma atattamaan magaalaa kana gadhiisaa ba’aa, as keessatti fincila nurratti kaachisuu dhuftanii” jechuun gaaffii fi iyyaannoo barattootaa irraa fuudhuu diduun barattoota doorsisaan of irra arii’an.

Rakkoon ulfaataan kun hanga furmaata hin argannetti barnoota dhaabuu isaanii beeksisuun, barattootani Yuunibarsiitii Amboo wagga 2ffaa hanga 5ffaatti departmenicha irra barachaa jiran guutummaatti barnoota dhaabani jiru. Rakkoowwaan mootummaan garboomsaa waliigalatti uummata keenyaa irran ga’aa jiruu fi haala sarbinsa mirga namummaa fi sarbamuu dimookiraasii fi mootummaa abbaa irree aangoo
irra maqsuun mootummaa dimookiraatawaa hundeessuuf yeroon gamtaan qabsa’an amma jechuun goototni barattootni Yuunibarsiitii Amboo midhaa isaan irra ga’aa jiru uummataaf ibsuun dhaamsa waliigalaa FDG itti fufsiisuuf uummataaf waamicha gochaa kan jiran ta’uu hoggansii Qeerroo Godina lixa Shaggar gabaase jira.

No comments:

Post a Comment