Monday, November 3, 2014

Sirna yaadannoo FDG magaalaa Oslotti geggeeffamee

                      
Gabaasa Kiyyaa Gonfaa tin | Sadaasa 3, 2014
Yaadannoo finciila diddaa gabruumaa yeroo 9ffaa sadaasa 01 2014 biyya Norway magaalaa Oslo keessatti haala gaariin geggeeffamee oleera.yaadannoo finciila diddaa gabruumaa kan baranaa adda kan isa goodhu maastar plaanii finfinnee isa haaraa waliin wal qabatee baratoota oromoo univarsitii fii sadarkaa lammaffaa rasaasaa diinaa tin lubbuu isaanii dhabuu isaanitti.motuumaan TPLF ajjeechaa baratoota keenyaa irratti raawwatee qabsoo ummanii oromoo amma keessa jiruu yoommiyuu caalaa akka jabaatu kan godhuu ta`uu issaa hirmaatoni yaadannoo FDG irratti argaman ibsaniiru.
Hirmaatonii yaadannoo FDG kana irratti argaman, obbollewwan keenyaa biliisumaaf jeecha lubbuu isaanii dhabaniif kabaja isaaniif qaban ibsaniiru.gaafiin isaanii gaafii kan ummata oromoo hundaa waan taheef
kaayyoo isaan kufaniif bakkaan gahuuf dirqamnii Oromummaa guddaa nurra jiraa,kanaaf tokkoo tokkoon keenyaa kana hubanee yeroo kamiyyuu caalaa haarka wal qabanee fii tokkuummaa keenyaa ciimsinee waliin hojjechuu qabnaa jedhaniiru.
Dhummara, namooni yaadannoo kana irratti argaman hundiinu dungoo qabsiisuudhaan daqiiqaa tokkoof obbollewwan keenyaa mirgaa fi bilisummaa Oromoof jeecha wareegaman yaadataniiru.
Sagantaa qabamee keessaa qophii qeerroon qophaa`ee issa tokkoo dha.baratoota rasaasa wayyaane tin lubbuu isaanii dhaban yaadachuuf qeerroo oromoo Norwayin qophiin qophaa`ee kun kan nama keessa xuqquu fii kan nama boochisuu turee.
Obbollewwan keenyaa bara baraan ni yaadatamu!
Injjiffannoo Ummata Oromoof!

No comments:

Post a Comment