Saturday, November 15, 2014

“Because I am Oromo” Rally in Phoenix, Arizona (Nov. 13, 2014) – #BecauseIAmOromo

Posted: Sadaasa/November 15, 2014 · Finfinne Tribune | Gadaa.com | Comments off
Jaarmiyaan Hawaasa Oromoo Sadaasa 13, 2014 hiriira ba’uun gabaasa dhaabbatni mirga namoomaa Amnesty International Onkoloolessa 28, 2014, dalagaa faashistummaa ummata Oromoo irratti mootummaan Wayyaanee raawwatu saxiluun dhiheesuu isaatiif degerssa qabu agarsiise. Dhaabbatni mirga namoomaa Amnesty Internationalf galata guddaa qabachaa, addatti ammo mataa gabaasa kanaa Mrs. Claire Bestonf haala ulfaataa bakka mootummaan qorannoo bifa kanaa geggeessuuf hin haayyamne jalatti adeemsisu isheetif, Haawasini Oromoo Arizoona galata gudda keennef. Dalagaan ammenya fi gara jabinaa ummata Oromoo irratti raawwatama jiru kana daran ta’uu hubachiisaa, Moottumman warra dhiyaa kesuumaayyu Amariika fi Biriitish Imaammata dantaa alaa isanni akka irra deebihani ilaalanis gafatani jiru. Haawasini Oromoo Arizoona lammiilee Oromoo biyyoota ambaa keessa jiraatanf dhaamsa isaani dabarfatan: “Abbaan iyyate Ollaan dirmata” akkuma jedhamuu miidhaa Oromoo irra gahaa jiru kan saxil baasuu dandenyu yoo nuu irrati ciccinee hojjene qofa ta’uu beekne kan Amnesty International ifa godhe akka fakkenyati qabatuun sagalee ummataa tahuun mootummootaa fi dhaabbiilee adda addaatti akka iyyata ummata keenya dhiheessitan waamicha isiniif dhiheessa; nuu gama keenyan iyyana ummataa keenya mootummootaa USA dhiheefane, gara fulduratis dhaabbiilee adda addaatti akka iyyata ummata Oromoo dhiheefannu jabinnan irrati hojjechuf waada galun hiriira keenya milkin xumurane.
Jaarmiyaan Hawaasa Oromoo
BecauseIAmOromoPhoenixRally2014_1

No comments:

Post a Comment