Saturday, November 22, 2014

Barataa Rabbirraa Kushaa Bayeechaa Yuuniversitii Amboo College Damee Waliisoo Keeysaa Loltoota Wayyaaneen Ukkaamfame

Sadaasa 21,2014 Gabaasa Qeerroo

BayeechaBarattooti Oromoo Sababaa Gaaffii Mirgaa Kaastan Jedhuun Hidhamuu fi Dararamuun Irraa Hin Dhaabbanne,yeroo ammaa kanas mootummaan EPRDf Wayyaaneen dargaggoota Oromoo irratti duula banteen barataa Rabbirraa Kushaa Bayeechaa sababaa sochii warraaqsaa deemu duubaan jirta jedhuun Ambo college Waliso branch keessaa accounting wagga 1ffaa kan baratu yakka tokkoon malee Sadaasa 20,2014 mana hidhaa magaalaa Waliisoo/Ejerrsa jedhamutti darbamuun ilmaan Oromoo naannichatti Oromummaan yakkamanii hidhaman waliin dararaan guuddaa irraan gahaa jira.
Barataa Rabbirraa Kushaa bakki dhaloota isaa godina Kibba Lixa Shaggar aanaa Iluu ganda Bilii jedhamutti kan dhalate yeroo ta’u.Yeroo dheeraaf sababaa Oromummaan yakkamaa akka turee fi yaada itti amanu dubbatee baafachuu dorkamaa turuun gabaasi nu gah eaddeessa.

No comments:

Post a Comment