Saturday, November 8, 2014

KA’I YAA OROMOO

KA’I YAA OROMOO

WalalooOromoo2014_1
Oromoo lammii koo
Hidda dhaloota koo
Siif kabajaan koo
Dammaqi yeroodhan
Socha’i ogummadhan
Amma dabareen kan kee
Tolfadhu hidhanna kee
Eeggadhu biyya kee
Gargaari lammi kee
Jabeessi irree kee
Cimsi tokkumma kee
Ari’ii biyyaa baasi diina kee
Bilisa baasi biyya kee
Biyyo biyya abba kee
Biyyo biyya harmee kee
Ka’i yaa Oromoo …
Kan kee biyyi Oromiyaa
Aadan isaa faayaa
Lammiiñ kee dhigumaatii
Halagaan yomiyyuu diina keetii
Yaa lammi koo mee kootta mee wal geenya
Ibsachuuf kaayyof yaada keenya
Olkaasuf alaabaa keenya
Cimsuuf tokkumaa keenya
Yeroos dhagahama sagaleen keenya
Bahaaf lixaa, Kaabaf kibbaa
Otoo hinjenne marti keenyaa
Hundinu haa kaanu haa sochoonu
Fulduratti yaa tarkaafannu
Harka wal-haa qabannu
Irre gabromfataa ofirra haa calaasnu
Biyya teenna Oromiyas bilisa haa baasnu
Kan keessatti aara galfannu, qabbanoofnu
Ka’i yaa Oromoo …
WalalooOromoo2014_2
Aadaa tee jabeessi
Oromummaa labsi
Tokkumma bu’ureessi
Qabsoo tee finiinsi
Dinumma of-jiddu balleessi
Amantiin walqooduu dhiisi
Gargar walhinbaasin lagaanisi
Wal-hinqoodin gareef gooxidhaanis
Kun karoora diinati
Fashaleessi mormiitii
Diina hindhageechisin wal-dhabuu keetisi
Jaalala biyya kee mul’isi
Qabsoo finniinsudhaan dursi
Ka’i yaa Oromoo …
Mee wal haa dhaggefannu
Gurra waliif haa laannu
Harka wal-qabannee bilisummaf yaa kaanu
Hanga yoomitti halagaa nu garboomfatti
Biqilaa ilmaan Oromoo lafarra haxoofti
Otoo ijji keenya ilaaluu lammii rasaasa qawweetiin
Otoo hin jenne ijoolle otoo hin hafne manguddoon
Otoo hin hafne qabeenyi otoo hinhafne beektonn
Otoo biyya qabnuu akka nama biyya hinqabnee
Otoo lammii qabnuu akka nama lammii hinqabnee
Nu taasiste halagan kan safuu beekine
Gondaantun nyaattu, nyaatte hinquufne
Qoree dhoqqe keessa
Daanahoo midhaan keessa
Nutti taate sanyi waraabessa
Dhahi ofi keessa,
Akka boolla reeffaa kan hinduudne, kan hinquufne
Na gahe kan hinjenne
Kan qaanii hinbeekine
Gootee garaa ishee boolla reeffaa
Kan sammunshee doofaa, moofaa
Kan qalbiishee hoffaa
Yaanni ishee bofaa
Hindagatin sanyiin bineessa, bineessaa
Ofirra darbadhu sanyiin bineessa, bineessaa
Ka’i yaa Oromoo …
WalalooOromoo2014_3
Egaa yoo mammaaku Oromoon akkasi …
“Surree jilbarraan cittee abbaatu waraanataa
Deega mataan duftee abbaatu tattafataa”
Jedhee mammaaka mitiree
Nutis tokko taanee bilsummaf kaanee
Onne keenya jabeefanne
Sirna gabroomfataa ofirra calasuuf
Sirna Abba Gadaatiin baka buusuf
Kutannee kaanerra waltumsuuf
Diina keenyatti abidda saafaa ta’uuf
Lafarra barbadeessuf
Lafarra barbadeessuf
Ka’i yaa Oromoo …
Ka’itii wal kaasi
Kaayyo diina fashaleessi
Oromiyaa Oromoof deebisi
Lafa kan qotee-bulaa Oromoo taasisi
Sirna cunqursituu Oromiyaa keessaa buqqisi
Akkamiin godaantun biyya keenya dhaalti
Adeemtuun kotte awwaraa nu gabroomfattii?
Cinii ishii nurratti urgufatti
Hamma yoomitti qabeenya keenya saamti
“Baddu baddi malee saree ija hindhiqani”
Jedhaniit mammakani
Ka’i yaa Oromoo irratti dammaqi
Kaayyo diinaa garumma hinqabu lakkii
Sanyii gabroofattu Oromoorra buqqisi
Golattu biyya keenyarra balleesi
Ka’i yaa Oromoo …
WalalooOromoo2014_4
Nuti hinqabnu rakkoo rakkina amantii
Rakkoon teenna marti kan bilisummatii
Badii tokko malee rasaasan ajjeefamna
Kan calqabe Miniliki irraa hanga ammaa
Kan ammaa haa caalu sirumaa
Nu nyaatee nu fixee akka waraabessa
Dhiiga keenya xuuxee akkuma sheexanaa
Maqaan isaanii tokkumaa
Waraabessi waraabessumaa
Waraabessi waraabessumaa
Ka’i yaa Oromoo …
Sirna kee jabeessi sirna Abba Gadaa
Kan ittiin beekamnu Oromonni hundaa
Sirna ittiin bulmaataa kan addunyaa maraa
Hundeensaa Oromoo kan sirna Abba Gadaa
Sirna eebifamaa daran kabajamaa
Hirmachisaa hundumaa
Bu’ura jireenyaa kan ijollummaa
Ittansee kan dargagumma
Dhumni isaas manguddof jaarsuma
Jaarsi eebbifaman
Marga jiidha buqqifatanii
Odaa jalatti walgahanii
Ummata Oromoo walitti qabanii
Eebban yommuu jalqaban
Akkana jedhanii…
“Hayyee! Hayyee! Hayyee! Hayyee!
Waaqa uumaa, Waaqa uumamaa
Waaqa Burqaa Haroo Walaabuu,
Waaqa Sagaltama garbaa,
Waaqa Salgan Booranaa,
Waaqa Torban Baarentummaa,
Waaqa Bokkuu Gurraachaa,
Waaqa Ciicoo Gurraattii,
Waaqa Caffee Tumaa,
Waaqa shanan Gadaa Oromoo,
Nagayaan nu olchitee nagayaan nu bulchi,
Nagayaan nu bulchite nagayaan nu olchi,
Kaa fantii lafaan lolte,
kaa sammuun Waaqan lolte, nurraa qabi,
Irraa-gora nu oolchi,
Dogoggora nu oolchi,
Hamaa nurraa qabi
Tolaa nutti qabi,
Xiqqaa nu Guddisi
Gudda nu Mul’isi
Wallalan nu barsiisi
Kan bare nu bulchi
Kan facaasne nu haa margu
Gahee nu haa sooru
Waan qabnuun nu bulchi
Rooba nagayaa roobi
Baraa nagayaan nu basii
Gadaan roobaa nagaya
Barri quufaa gabbina.” jedhanii manguddoon
Waaqa uumaaf galata galchan
Sirna qulqulluu kan ittiin wal eebbisan
Yomiyyu hin jijjiirramu
Kan akka isaa eessattuu hinargamu
Ka’i yaa Oromoo …
WalalooOromoo2014_5
Yomiyyu fira hinta’u dinnii
Yeroodhan iratti damaqanii
Ka’utu nu baasaa kutannonii
Hinarginetti kan amma yaa caluu
Kan akkanaa Waaqayyo nama yaa oolchuu
Saba qaanii hinbeekne
Godantuu biyya hinqabne
Kan akka wayyaanee
“Kan qaban qabaa hin guunne
Gad-dhiissan hurufa gutti”
Hin jennee ree…
Roorronis akka qaba
Obsisi dangaa qaba
Ka’i yaa Oromoo harka walqabadhuu
Walumaan tattafadhuu
“Fardi irran nama gaha malee
Kan warannatu abbadha” akkuma jedhame
Ega yaa Oromoo diina qe’e kee si saamuu dhufte
Qe’ee kee kan mancaafte
Addaan kan nu bittimsite
Gondaantuu ofirra darbadhuu
Qe’ee kee samtuu irra deeffadhu
Kan kee taasifadhu
Irree kee mul’isi
Oromummaa labsi
Salphina diina keetti ufissi
Walabumaa labsii
Gadaa kee gabbissi
Oromiyaa bilsoomsi
Dhiigni Qulqulluu Ilmaan Oromoo Akka Dhangala’etti Hinhafu!
=========================================
Tesfaye Moti Demissie

No comments:

Post a Comment