Tuesday, November 4, 2014

Wallagga,Aanaa Najjoo Irratti Qondaaloti Tikaa Haaraa Wayyaaneen Ramadaman,Kanuma Waliin Sabboontoti Barsiisotii fi Humni Waraana Wayyaanee Keessaa Ammoo Hojii Irraa Arihamaa Jiru.

Odessa Qeerroo lixa wallaggaa magaalaa Najjoo, Sadaasa 3,2014

Q NEWS3AAAkka odeessi Qeerroo magaalaa Najjoo irraa nu qaqqabeen ibsutti, yeroodhaa yerootti waani gabaafamaa jiru mootummaan Wayyaanee uummata Oromoo gidduutti gufuu qabsoo Oromoo kanneen ta’anii fi garaaf bultoota barbaaduun uumata irratti ramada. Haala kanaan Wallagga aanaa Najjoo keessatti sochii barattootaa fi waliigala uumata Oromoo danquuf jecha gaafatamtoota Tika naannoo ta’anii addatti hojii basaasummaa uuata keessatti akka raawataniif namni lama ramadamuu odeessi keessa mootummaa nu dhaqabe addeesse.
Kanneen :-
  1. Basaa wayyaanee waggaa dheeraa ilmaan oromootti ba’aa fi diina
    jabaa ta’ee jiru Waaqgaarii Teessoo Aagaa kan jedhamu qindeessaa mana
    barumsaa Giddaa Daallee, kan jiraatuu fi bakki itti dhalate aanaa
    Najjoo ganda Amumaa Goorgiis jedhamuu fi
  2. Akkawaaq Booqaa jiraataa aana Najjoo ganda Qilxuu Guluu fi
    qindeessaa mana barumsaa sadarkaa olanaa Gorii kan tahe;
Jarreen kun lamaan ammaan duras mootummaa Wayyaanee waliin hojjetaa fi ilmaan Oromoo hidhaa jiran irratti ragaalee sobaa bahaa hiisuu keessatti qooda guddaa fi amanamummaa waan muldhisaniif ramadaman jedha gabaasaan nu gahe.
Gama biraan ammoo barsiisaa Beekumaa Diinagdee kan jedhamu,qindeessaa mana barumsa Odaa Garii kan jiraatu aanaa Najjoo ganda Amumaa Goorgis yoo tahu, namni kun yeroo hedduu barsiisota Oromoo qindeessita sababa jedhamuun guutummaatti hojii isaa irraa arihamuu baasi nu gahe addeessa. Akka qondaalotiin Wayyaanee hojii irraa argihamuu isaa erga murteessanii xalayaan hojii irraa gaggeeffamuu isaa Sadaasa 01/2014 kan isa gaheedha, hojii irraa ariyamuu qofas osoo hin taanee namni kuni ammallee quunnamtii qaama biraa waliin qaba jedhanii basaastotuma dabarsanii isa kennan hojii akka ariyamu taasisan kanaan hordofamuu akka eegale, hojjetoota qofa osoo hin taanee barattoota oromoo akka aanaa kanaatti diinaaf saaxilamaa kan jiran sababa barsiisota basaastota Wayyaanee Waaggarii fi Akkawaaq jedhaman kanaan tahuu isaa gabaasni Qeerroo nu gahe addeessa.
Gama biraan  Shakkii mootummaan Wayyaanee ilmaan Oromoo waraana keessaa qabduun kan ka’e baaraginsa jabaa keessa seenuudhaan ilmaan Oromoo mana hidhaatti guuraa jirti. Fincila diddaa garbummaa deemsifamaa as gahe keessatti qooda qabdu jechuudhaan wayyaaneen ilmaan Oromoo federaalaa fi ittisa biyyaa qorannaa fi hidhaa jirti. Ilmaan Oromoo waraana ittisa biyyaa baha biyyattii irratti argaman
  1. Malkaamuu Darajjee
  2. Shaafii Mohaammed
  3. Habtaamuu Dalasaa
Jedhaman qabamuudhaan bakka buuteen isaanii kan dhabame yoommuu tahu, Magaala Finfinnee keessaas poolisa federaalaa kaampii meeksikoo keessaa Taammiraat Jabeessaa qabamuun mana hidhaa maa’ikelaawwiitti darbamee jira. Mootummaan wayyaanee doorsisaa fi hidhaadhaan qabsoo bilisummaa Oromoo dura dhaabbachuuf yaaltus daran jabeessa malee akka duuba hin deebisne sabboontotni waraana keessaa ejjennoo isaanii ibsatanii jiran.

No comments:

Post a Comment