Friday, November 21, 2014

Barattooti Oromoo Yuuniversitii Wallaggaa Gaaffii Mirgaa Kaasan Itti Fufuun Nyaata Lagatan.

Sadaasa 21,2014 Gabaasa Qeerroo Naqamte

dsc02197
Barattooti Oromoo Yuuniversitii Wallaggaa Sadaasa 20,2014 gaaffii mirgaa kaasaniin loltoota Wayyaanee fi Poolisoota waliin walitti bu’aa turan,haalli kun hanga ammaa tasgabbii dhabuu irraan waraanni Wayyaanee mooraa Yuuniversitii keessa akka qubatetti jira. Barattooti Oromoos tokkummaan ka’uun hanga ammaa nyaata lagachuun hagabaa gaaffii mirgaa gaafataa jiru. Gaaffiileen jalqaba ka’anii deebii dhaban haala bulchiinsaa fi qabaa barattootaa yeroo ta’u sun deebi’uu hanqachuu irraan barattooti Oromoo gaaffii waliigala biyyoolessaatti deebisuun diddaa isaanii itti fufanii jiru.
Gaaffiileen barattootaa fi diddaan isaanii dhimmoota kanneen irratti hundaaya.
- Barattootni yeroo ammaa mana hidhaatti keessatti argaman maliif hin hiikaman?
- Mirgakeef kan falmu simalee qaamni biraan hin jiru ka’I falmadhu yaa oromoo!
- Qote bulaan lafakee irratti diinni wal gurmeessee si saamuuf deemu
jabaadhu dura dhaabbadhu!
- Diinaaf hin jilbeenfannu! Habashaaf hin bitamnu!
- Saamichi lafa uummata oromoo haa dhaabbatu!
- Lafti oromiyaa fi oromoo hin gurguramin
Kana malees waa hedduun mooraa keenya keessatti faca’ee kan ture qaamni mootummaa wayyaanee mooraa seenee funaanaa ture, akka gaaffii barattootaatti kan ture nyaatni qulqullina dhabee waan jiruuf hin nyaannu, nyaatumti keenya qophayaa jiru haa ilaalamu haa qoratamu kan jedhus kana keessa jira.

No comments:

Post a Comment