Thursday, April 10, 2014

Barattooti Oromoo Uni Adaamaa 20 ta’an Kabajaa Yaadatnoo Anooleef Osoo Deemanii Isin ABOn dha Sababa Jedhuun Hidhaman

bilisummaa1Ebla 9, 2014, Adaamaa (Qeerroo) — Dargaggoonni seenaa dhugaa dhaale,kutannoo fi murannoo onnee irraa madden seenaa Oromoo irraa kanneen hubatnaa gahaa qaban ilmaan Bilisummaa Oromoo fi Walabummaa Oromiyaaf boqonnaa hin qabne   seenaan bu’ura hundaa ta’uu isaa warri adda durummaan beekaan Yaaddannoo wareeggamtoota haadhoo fi abboolee(Anoolee)f jecha Adaamarraa hanga Aanoleetti lafoo deemsa taasisaniin km 66 miilaan(lafoo) kanneen kabajaaf deeman 120 keessaa barattoota Oromoo 20 mootummaan Wayyaanee hidhaatti galche.
Kanneen keessaa 17 shamarree Oromoo yeroo ta’an,Yaadatnoo Anooleef jecha amna dheeraa miillaan deemuun gochaa hammeenya diinaa yeroo yaadatan,bakka kabajaa sanii gahuuf km 9 duwwaan yemmuu isaan hafu bulchiinsa magaalaa Heexosaa aanaa Heexosaa Itayyaatti qabanii kaayyoo kamabajaa Anooleef jecha miillaa luqa’anii dhiigaa kanneen achi gahan keessaa nama 20 alaabaa ABO qabattanii jirtu sababa jedhuun dabarsanii loltoota Wayyaaneetti kennan.
Haalli kun akkaataa itti raawwate guutuun isaa,  Dargaggoonni kuni guutummaan isaanii magaalaa Adaamaa irraa kan ta’aan yemmuu ta’an gartokkeen isaanii Yuuniveersitii Adaamaa irraa fi gartokkeen immoo magaaluma adaamaa irraa barattoota koollajjii fi jiraattota,akkasumas  ijoollee gumii  adda addaa irraatii walitti qabamaniidha.  Ka’umsi  deemsa kanaa Gumii  GADAA’O   kan gidduu gala bashaannana dargoogata oromoo ganda 14 magaalaa adaamaatti argamuun kan qindaa’ee yemmuu ta’uu dura ta’aan Gumichaa HUHAABBAA HUSEEN  beekamtii deemsi kuni karaa nagaa’a jedhuun bulchiinsa magaalaa irraa waraqaa baasisee ture wanna jedhamuun  beeksisni bahee gaafa  jimaataa sa’aa 10 irratti manaa POOSTAA magaalaa adaamaa irraa deemsa kan eegale  dargaggoota 120 kanneen keessaa durboota 17 yemmuu ta’an. erga magaalaa DHEERAA  AANAA DODDOTAA geenyee gareetti wal buusee  namooni 20 kophaatti bahanii karaa qaxxaamuraa kan deemaan yemmuu ta’an isaan kunneen ilaalcha adda fi ergama biraa qabu jechuun qoqqobbiin kan ka’ee alaabaa ABO FI Waraqaa baadiyyaa keessa rabsaa deemuufi nurraa adda bahan kan jedhuun basaastoni deemsa dadhabbii guddaa gaafate kana kan karaa dabarsan yemmmuu ta’u maqaan ijoollota kanaa
  1. Addunyaa keessoo…….Yuuniversitii saayinsiifi teeknoloojjii adaamaa
  2. Walabummaa Dabalee              >>
  3. Taaddasaa Abbabaa                    >>
  4. Hirphaa Nagaasaa                      >>
  5. Barsiisaa dassaalenyi                 >>
  6. Mokonnin kabbadaa                 >>
  7. Seefuu Baacaa                           >>
  8. Hurrumaa  Bashaadaa              >>
  9. Ayyaanaa Tafarraa                    >>
  10. Ayyaantuu…..kophee malee ishee km 66 deemte yemmuu taa’u  filmii caayaa piroomoshinii adaamarraa
  11. Eebbisaa  Margaa      filmii caaya piroomoshinii irraa
  12. Caaltuu  Nugusee      barattuu koolloojjii riftii vaalii
  13. Iftuu         jiraattuu magaalaa adaamaa
  14. Ifaabaas   jiraataa magaalaa
  15. Bilisummaa    jiraataa magaalaa adaamaa
  16. Baay’isee barattuu koollajjii baalata’oo
  17. Milkoo  Milkeessaa barattuu kollajjii riftii vaalii
  18. Gammachiisaa Dhaqqabaa Waariyoo Mucaan kuni basaastummaa kan ergame ta’uun irra gahame fi bakkeen isaa kan hin beekamnee dha
  19. Gammachuu jiraataa magaalaa adaamati
  20. Esheetuu  jiraataa magaalaa adaamati
Namoonn  20n kuni galgala sa’aa   1 halkaan keessa gaafa sanbat duraa kan qabanii tooftaadha hidhamanii harka wayyaanee bulaniidha  Aanolee erga miilaan gahanii booddee  namoonni 100 bulchiinsi magaalaa simannaa godheefi malaan kan karaa bulcheedha akka isaan achin geenyeef,isaan kunnen kan hedhamaniif ijjoollota 20 nu duukaa dhufan bakka itti hiitanii fuunu malee hin deemnu  waan jedhaniif kan hidhaman. sababni hidhaameef waa tokkollee hin beekkamne akkamitti lafoo dhufatanii sin shakkamtoota bosonaa dhuftaan alaabaa qabduu waraqaa qabatanii eebbaa siidaa kanaa gufachiisuufi waan jedhu duwwaattu afaani isaan bahaa.Akkaataa kanaan guyyaan yaadannoo sun xumuramee jira.
Maddi Oduu: Qeerroo

No comments:

Post a Comment