Tuesday, April 29, 2014

Mattuu:- Gootonni Qeerroon Yuuniversitii Mattuu Guyyaa 2ffaa FDG Itti Fufan. Waraanni Wayyaanees Doorsisaan Dhaabuu Dadhabe!

 
Ebla 28/2014 FDG Gaaffiin kabajamuu mirga abbaa biyyuummaa gootota barattoota Oromoo yuunibarsiitii Mattuun guyyaa kaleessa itti fufe, har’a guyyaa 2ffaaf hiriirrii guddaan kun Mooraa Yuunibarsiitii Mattuu irraa eeggaluun goototni barattootni Oromoo yuunibarsiitii mattuu hiriira guddaa magaalaa mattuu keessatti uummata illee dabalachuun yeroo ammaa kanattii dhaadannoo jajjaabaa rakkoo uummata keenyaa hudhee qabee jiru dhageesisaa jiru, humni waraanaa kora bittinneessaa, Agaazii fi Poolisiin Federaalaa garaa magaalaa Mattuu guuramuun uummataa fi dargaggoota gootota barattoota Oromoo dura dhaabbaachuun sochii dhukuu fi hiriira nagaa fi dimookiraatawaa ta’ee kana ugguruuf jiru, guyya har’a dargaggootaa Oromoo magaalaa mattuu fi jiraattoota magaalitti dabalachuun namoonni 9000 olitti tilmaamaman hiriiricha irratti argamuun loltoota wayyaanee kanaan dhaadannoo:
  1. Nu dabarsaa, nuti mirgaa keenyaaf dhugaa keenyaaf falmannaa,
  2. Qawween nu hin dangeessuu, hidhaan, nu hin daangessuu ,
  3. Ajjeechaan, nu hin daangeessuu, reebichii nu hin daangeessuu,
  4. Nuti mirgaa keenyaaf mirga keessaan kabachiisuuf dhaabbanna,
  5. Sagaleen keenya sagalee ummata bal’aa Oromooti,
  6. Sagalee keenyaa hojjettootati, sagalee beektotaati, sagalee barattootati, -sagalee qotee bulaa Oromooti, sagalee uummata bal’a Oromooti,
Nu hin daangessinaa jechuun dhaadannoo ajaa’ibsiisa ta’ee dhageesisan.
Injifannoon Ummataa Oromoo hundaaf!
Ebla 29/2014
Mattuu.

No comments:

Post a Comment