Saturday, April 5, 2014

Haala Yeroo Ilaalchisee Ibsa Sochii Dargaggoota Biyyoolessaa Irraa Kenname

Qeerroo

Haala Yeroo Ilaalchisee Ibsa Sochii Dargaggoota Biyyoolessaa Irraa kenname

(Qeerroo Bilisummaa)

Ebla 2,2014 Jimmaa

Bakka bu’oonni Qeerroo Bilisummaa Oromoo godinoota adda addaa irraa walitti dhufuun Ebla 1 fi Ebla 2,2014 walgahii guyyaa lamaaf gaggeefatan irratti haala yeroo uummata Oromoo fi Qabsoo FDG bilisummaa Oromoo daran jabeessuu fi haala waliigala raafama siyaasa Impayeera biyyattii irratti marii bal’a gochuun ibsa armaan gadii dabarsee jira.
1.Dugugginsa Sanyii (Genocide), moototni Habashaa erga Oromoo afaan qawween cabsanii bulchuu eegalanii hanga har’a jarraa 21ffatti dabaree angootti dhufan rawwatanif Oromoon tolee jedhee jilbeeffatee bitamee, hin bule. Utuu falmatuu diina kufaa kiffisaa har’a as ga’ee; qabsoo bilisummaa Oromoos bu’awwaan dagatamuu fi eenyu iyyuu haalu hin dandeenye dhiigaa fi lafee isaa itti cabsee fidee har’a dhaloota haara nu Qeerroo Oromoo qaqqabsise jira. Haata’uu malee ilmaan mootota habashaa kaleessaa har’a illee qabsoo Oromoo dhaamsuuf Oromiyaa deebisanii qabachuufi sirnota abbooti isani sirna nafxanyaa kaleessa deebisuuf nurraa hin dhaabbanee hojii idilee isanii godhachuun hanga sadarkaa mana maxxansaa banachuun Oromoo arrabsuu, xiqqeessuu, tuffachuu fi Oromoon biyya hin qabu jechuu irra gahani jiru.Nafxanyaa har’a qawwee fi golgaa dimookiraasiin biyya lafa gowwomsaa jiru of jabeessuun umrii bittaa isaa dheereffachuuf yeroo kallatti hundaan tattafatan ifatti ba’een mu’acha jirra, sochii farrummaa Oromoo nafxanyota kaleessa fi har’a kana dhaabamsisuuf Oromoon bakka jiru hundaa dammaqee qalbiin qabsoo FDG keessatti qooda guddaa ba’uu qaba.
Guutummaa Ibsa Kanaa Dubbisuuf:- Haala Yeroo Ilaalchisee Ibsa Qeerroo Bilisummaa Irraa Kenname. Ebla 3 2014

No comments:

Post a Comment