Ebla 28,2014 Bulee Horaa
DiddaaFDG Qeerroo Bilisummaa Oromoon eegale Yuuniversitii Bulee Horaa keessatti guyyaa har’aa ganama sa’aa 8:00 WD irraa eegalee hanga ammaa dhadhatnoo jajjabaa qabatee itti fufee jira.
Gootonni barattooti Oromoo gaaffiilee mirgaa kanneen akka:-
  1. Oromiyaan kan Oromooti!
  2. Finfinnee Handhuura Oromiyaati.
  3. Mirgi Hiree Murteeffannaa Uummata Oromoof haa kennamu.
  4. Mootummaan Gabroomfataa biyya keenya haa gadhiisu.
  5. Siidaan Minilik Finfinnee keessaa haa buqa’uu fi kkf qabatanii salgaee jabaan dhadachaa jiru.
Haala kanatti kan baarage waraanni Mootummaa Wayyaanee barattoota hedduu seeraa ala tohannoo isaa jala kan galche yeroo ta’u diddaan ammoo ittuma fufee jira.
Hub:- Rakkoo Net workii irraan guutuu sagalee diddaa dabarsuun ammatti nu rakkisee jiraachuu gabaafna.