QEE FI QABEENYAA, DHACHII HADHUURAA ISAARRAA UMMATA OROMOO BUQQISUUN
MIRGA UUMAMAAN UMMATNI OROMOO QABU SARBUU DHA.
aboMootummootni Habashaa/Itiyoophiyaa dhufee dabraan toftaa fi tarsiimoo sirna gabroofataa ykn koloneeffattummaa  isaa haala  addaa addaan  Oromiyaarratti  caasaa isaa diriirfatee ummata Oromoo qee fi qabeenya, irraa saamaa fi saamisisaa kaan Lubbuu ajjeessaa kaan godaansisaa, qee isaa keessatti jiruu fi jireenya  itti hadheessee,baroota dheeraaf,Ummatni Ormoo qee dhabilee ta`ee godaanaa akka jiraatuu fi baqattummaaf akka saaxilamu godhamaa tureera. Har`as mootummaan Wayyaanee /TPLF/  sirnuma duraan  warri isa duraa Ummata Oromoo fi Oromiyaa weeraruuf saganteeffatan sana bakkaan  ga`uuf fi  ummata Oromoo  fi Ormiyaa  human Qawween hukkaamsanii of jalatti bulchuuf abju`atan sana fiixaan baasuuf Marxifatee hojjetaa jira.
Oromoo qee fi qabeenya isaa saamaanii Maatii tamsaasanii daa`emman yatiyyaman. Gochaa suukanneessaa fi  diinummaa kana Ummata Oromoo irratti hojjechuun Qee ummata Oromoo Oromiyaa honsaniiru. Sabboontota ilmaan Oromoo  gaaffii haqaa gaafatanii fi mirga saba isaaf falamatan, qee isaarratti ajjeesaa, hidhaa turan.Har`as  ittuma jiru. QEE FI QABEENYAA UMMATA OROMOO EBLA 2014