Wednesday, April 23, 2014

Gootonni Barattooti Oromoo Jimmaa Gamtaan Wal Qindeessanii Diddaa Gaggeessaniin Waajjira Poolisaa Jimmaa Deemuun Barattoota 8 Hidhaa Irraa Baafatan!

Ebla 23,2014 Jimma
QerroooBarattootni Oromoo guyyaa har’aa Ebla 23,2014 barnootaa fi nyaata dhaabuun FDG itti fufan, gamtaadhaan baay’atani baratoota kaleessa fi dheengadda to’ataman waajjira poolisii magaalaa Jimma deemuun dhiphisan, magaalaan illee baay’ee muddamte, waraanni wayyanee fi poolisotni waan qabanii gadhiisan dhaban isanumatti iyyuu gaaffii guddaa itti ta’ee jiraachuu nammoonni tokko tokko dubbachaa jiru. guyyaadhuma har’aa waaree booda waan godhan dhabnaan Barattoota keenya hidhamani turan Gara mooraatti deebisuun koree namuusaa irratti dhiyeessuun naamusa yuunibarsiitii cabsitanii argamtan jechuun himatan. erga biiroo Dean barattootti galchanii poolisotaa reebdan, jeequmsa kakkastan, naamusa cabsitan jedhani booda guyyaa beellama kibxata dhufutti qabaniifi gadi gadhiisaniru. walumaa galatti baratttootni keenya amma gadhiifaman kun;
  1. Barataa Falmataa Bayechaa, mummee medicine waggaa 5ffaa
  2. Barataa Galaanaa Ababaa, mummee Governance and Developmental studies waggaa3ffaa
  3. Barataaa Gadaa Darajjee, mummee Governance and Developmental studies waggaa 3ffaa
  4. Barataa Zabbanaa Barasaa, Mummee Afaan Oromoo folklore waggaa 3ffaa
  5. Barataa Israaeel Haptamuu, mummee barataa Educational planning
  6. Huseen , muummee Information Technology (IT) waggaa 3ffa
  7. Barataa Abdii Turaa mummee Seeraa waggaa 5ffaa mooraa Main Cumpass irraa,
  8. Barataa Mooiiboon Baqqalaa , mummee health officer waggaa 2ffaa
Barattootni kun haala kanaan gadhiifamanii guyyaa beellama dicipline Yuunibarsiitii kibxataa kana eeggachaa jiru.

2 comments:

  1. MAAL BAASUUF DHAMA RAASUU|???

    ReplyDelete
  2. "Maal baasuuf dhama raasu?" jettee aboo. Ati nama abdii kutatte fakkaata. Oromoo abdii kutatee hinbeeku bari

    ReplyDelete