ERGA CALLISUUN KEENYA NU TOLLEE

HAA FALMANNU NU WALII GALLEE!!

DiddaaJaallannee ,filannee miti!,callisanii buqqee tauu mannaa dubbatanii bubbee tauu wayya jedha Oromoon kaleessaa.Duula waliif waliin kaana jedhamu kan roorroon hiriyaa hin qabne shin mootummaa gabroomfataa habeshaa Oromoo irraatti gochaa ture, haa caaluu immoo yeroo amma kanatti gabrummaa gita hin qabne duula duguuggaa sanyii haalaa fi kallattii hin qabne tae jedhamee itti yaaddamee deemamaa jiru Oromoos taee diinni warreen alagaa karaa karaa isaatiin ifatti beeku.Haa tau malee beekuun Oromoof yeroo ammaa kanatti hiikaa hin qabu.shiraa fi danqaa diinni hirriba lagatee halkanii guyyaatti afarftu kanatti dammaqee humnaan diinaa cabsuu dandau hidhatee of qopheessutu irraa eegama. Kana gochuun Oromoof waan akka mirgatti dhiyaatu miti ,dirqama irratti dirqamni eenyummaa dabalamuu qaba. Tole kaa mee waanuma taii kaleessaa fi hara tae, boruu fi iftaan immoo tauu dandaan akka armaan gadii kanatti wal haa ilaalluu.
Yeroo ammaa kanatti duulli boca qabne ilmaan ilaalcha dulloomaa fi ilmaan abjuun isaanii yoomuu shiraa qofaa kan tae haftee Miniliik fi mana barumsaa ekeraa Miniliik irraa warren eebbifamaniin barreeffamoonni Oromoo akka sabaatti xiqqeessuu fi arrabsoo Oromoo tuqu akkasumas Abbaa biyyummaa Oromoo waakkatu Afaan Amhaaran kan barreeffame mataa dureen isaa INQUU FI QUMNEGER jedhaman isaan hangafaa fi ifatti maqaa balleessii Oromoof mana maxxaansaa dhaabbate tauun bira gahameera.
Guutummaan Iyyatnoo kanaa dubbisuuf:- Qeerroo ASTU.docx