Tuesday, April 15, 2014

Gaaffii Mirga Oromoo irratti Qeerroon Yuuniversitii Jimmaa Iyyatnoo Bulchiinsaa Yuuniversitiif Dhiheessan

 OromiaALutaContinua2011FDG 
Iyyannoo Baratoota Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa
Bulchiinsa Yuunibarsiitii Jimmaatiif
Jimma.
      Ebla  11 /2014
  Nuti Dargaggootni Barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa rakkina haala yeroo uummata keenya hudhee qabee jiruu fi yeroo irraa gara yerootti jechootni ilmaan nafxanyaa uummata keenya tuffachuu, xiqqeessuu, arrabsuu fi yakka duguuginsa sanyii(genocide)  mootiin habashaa minilikii uummata keenya irratti raawwateef har’a illee leelliftootni ilmaan nafxanyaa  waraanni miniliik gaggeesse waraana qulqulluudha jechuun dhaadachuu irra darbanii mana maxxansa dhuunfaa ‘hinquu’ jedhamuu banachuun ifatti jechoota dhiiga nama danfisuun nu arrabsuu irratti argamu. Harma muraa fi harka muraa Aannoolee fi Calanqootti minilik uummata keenya irratti raawwates tarkaanfii sirriidha jechuun maxxansa kanaan ifatti barreessanii eenyummaa , sabummaa, Oromummaa fi abbaa biyyummaa keenya mulquun maxxansa ‘hinquun’ torbee lama lamaan maxxanfamu kan lakk.113/ Bitootessa 2006 A.L.H maxxanfame irraa hubachuun  danda’amee jira. Waan baay’ee qaaneffachiisaa fi saalfachiisaa ta’e  ilmaan nafxanyaa bulchiinsa Yuunibarsiitii Jimmaa keessa jiran maxxansa kana chaappaa Yuunibarsiitii Jimmaan rukuchuun(mirkaneesuun) ‘social Library’ fi ‘library’ kanneen mooricha keessa jiran hunda keessa kaa’uun yakka sanyii keenya irratti rawwachuun mirkanaa’ee jira.
Rakkoo ulfaataan, haala jiruu fi jireenya hawaasa keenya waliin wal qabatee jiru inni kan biraan rakkoo sirna bulchiinsa mootummaa EPRDF ti. Mootummaan amma aangoo siyaasaa biyyattii dhuunfatee jiru, rakkoo qabiinsa mirga dhala namummaa fi dimookiraasiin nurraa mulqee mirgi uummata Oromoo dhiitamaa, fi gadadoo keessa jiraachuun  yaaddoo jireenyaa keessa kan jirru ta’uun dhugaa addunyaan beekudha.
Walumaagalatti, rakkinoota haala yeroo keessa jirru ilaalchisuun furmaata sirna qabeessa argachuuf qaamota dhimmi isaa ilaalu hundatti iyyannoo keenya dhiyeeffachuuf, mirga keenyaaf falmachuuf murteessuun iyyannoo keenya yeroo dhiyeeffannu gaaffiiwwan armaan gadiif haalduree tokko malee deebii sirriin akka nuuf kennamu barbaadna!
  1. Manni maxxansa dhuunfaa ‘‘hinquu’’ jedhamu hatattamaan cufamuu qaba! Akkasumas barreeffamonni fi maxxansi garaagaraa  amariffaan maxxanfamanii Oromiyaa keessatti gurguraman, seeraan dhorkamuu qabu! Namonni jechoota sanyummaa fi leellistummaa miniliik qabanii fi ajjeechaa miniliik uummata Oromoo irratti raawwate tarkaanfii sirriidha jechaa jiran seeratti nuuf dhiyaachuu qabu! Ilmaan nafxanyaa bulchiinsa Yuunibarsiitii jimmaa keessa jiran kanneen maxxansa hinquu kan eenyummaa fi mirga uummata keenyaa sarbuuf barreeffame chappaan mirkaneessanii ‘library’ Yuunibarsiitii Jimmaa keessa kaa’an seeratti nuuf dhiyaachuu qabu! Bulchiinsi Yuunibarsiitii Jimmaas itti nuuf haa gaafatamu!
  2. Yakka ajjeechaa duguuginsa sanyii(genocide)  mootiin nafxanyaa miniliik uummata keenya irratti raawwateef, mootummaan amma aangoo irra jiru mootummaan nannoo amaaraa gumaa uummata keenyaaf kanfaluu qaba! Leelliftootni sirna nafxanyaa miniliik kanneen akka ‘asmaarii’ teedii afroo(teediroos kaasahun) fi manni maxxansa dhuunfaa ‘hinquu” jedhaman seeratti nuuf dhiyaachuu qabu!
  3. Waldorgommii Shaampiyoona Itoophiyaa 2006 baahirdaaritti gaggeeffame irratti mirgi, eenyummaa fi sabummaan uummata Oromoo sarbamee ilmaan nafxanyaa fi bulchiinsi mootummaa nannoo amaaraa mirga dorgomtoota ijoollee Oromoo fi barattoota Oromoo yuunibarsiitii baahirdaar sarbuun jechoota maqaa xureessuun arrabsuu, hamilee uummata keenyaa tuquun, yakka nurratti raawwatameef mootummaan naannoo amaaraa itti nuuf haa gaafatamu!!
  4. Finfinneen magaalaa guddoo Oromiyaa ta’uun ishee beekamaadha. Maqaa fi jecha kana bira darbee Oromiyaan tajaajila abbummaa lafaa fi qe’ee Finfinnee irraa argachaa hin jiru waan ta’eef, Finfinneen tajaajila dursaa uummata Oromoof kennuu qabdi! (heera mootummaa RDFI, keeyyata 49(5)) Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee Mootummaa Naannoo Oromiyaatiin haa to’atamu!
  5. Yaaliin Magaalawwan gurguddoo Oromiyaa  naannawaa Finfinnee kanneen akka:-Bishooftuu, Duukam,Aqaaqii Qaallittii, Sandaafaa, Laga-Xaafoo Laga-Daadhii, Sulultaa, Buraayyuu, Hoolotaa fi Sabbataa bulchiinsa Finfinnee jala galchuu fi Magaalaa Oromiyaa kanneen akka Adaamaa, Shaashamannee, Jimmaa, Naqamtee fi Amboo illee to’annaa mootummaa Federaalaa fi bulchiinsa Magaalaa Finfinnee jala galchuuf shirri guddaan Oromiyaa irratti raawwatamaa waan jiruuf, mootummaan ‘EPRDF’ akeeka kana hatattamaan nurraa dhaabuu qaba!
  6. Gurgurtaan lafaa maqaa Investimeentii fi Liizii jedhuun mootummaa amma aangoo irra jiruun Oromiyaa keessatti babal’chuun Uummata keenya qe’ee fi qabeenya dhabsiisuun abbaa biyyummaa fi qe’ee uummata Oromoo sarbaa waan jiruuf, keessattuu: Naannawaa Finfinneetti uummanni keenya qe’ee fi qabeenya isaanii irraa buqqifamuun jiruu fi jireenyaan dararamaa waan jiraniif, akeekni kun uummata keenya irraa dhaabbachuu qaba! Kanneen qe’ee fi qabeenya isaanii irraa buqqa’aniifis beenyaa guddaan kanfalameefii qe’ee isaanii fi lafa isaaniitti  deebi’uu qabu!
  7. Mirgi Dimookiraasii fi Namummaa uummata keenyaaf kabajamuu qaba! Uummanni Oromoo akka baay’ina isaatti, qabeenyaa isaa fi bal’ina lafa isaatti gama siyaasaan qoodannaan aangoo sirna ‘EPRDF’ keessatti qabu xiqqaa fi qaaneffachiisaa waan ta’eef, bulchiinsii sirna dimookiraasii dhugaan dhaabbatee, uummata keenyaaf qoodannaan aangoo siyaasaa madaalawaan kennamuufii qaba!  Mirgi abbaa biyyummaa uummata Oromoo kabajamuu qaba! Uummanni Oromoo gita bittaa kam jalaa iyyuu ba’ee ofiin of bulchuu qaba! Mirgi qe’ee fi abbaan qabeenyummaa isaa mirkanaa’uu qaba jennee jabeessinee gaafanna!!
  8. Maqaa Siyaasaan Ummanni Oromoo jumlaan hidhaatti guurame haalduree tokko malee hiikamuu qaba! Maqaa siyaasaan barattootni Oromoo jaarraa 21ffaa keessa illee barnoota irraa arii’atamuu fi ittifamuun dhaabachuu qaba! Kanneen arii’atamanii fi hidhaman hatattamaan gara barnoota isaanitti akka deebi’an ni gaafanna!!
Kanaafuu, bulchiinsi Yuunibarsiitii Jimmaa gaaffiiwwan keenya kana hubachuu fi qaama dhimmi isaa ilaalutti  dabarsuun deebii sirriin akka nuuf kennamu barbaadna jechuun iyyaannoo keenya kabajaan dhiyeeffanneera
Barattoota Oromoo Yuunbarsiitii Jimmaa
Garagalcha:    Uummata Oromoo Hundaaf.
                         Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaatiif
                         Koomishinii Poolisii Oromiyaa fi Dhimmoota Nageenyaa Oromiyaaf
                         Bulchiinsa Godina Jimmaa fi Komishinii Poolisii Godina Jimmaaf
                         Dhaabbilee Mirga Namummaa Biyyatti

No comments:

Post a Comment