Monday, June 2, 2014

Student Nimona Tilahun Terminally Ill After Torture

RAB_June120142(RAB, Waxibajjii 1, 2014) Mootummaan Woyyaanee Hegeree Biyyaa akkasitti karaatti hambisaa jira!

Dargaggoo Nimoonaa Xilaahun bara 2007 yunversiitii Finfinneetii eebbifamee godina Kaaba shawaa mana barumsaa Shanootti barsiisaa ta’ee yeroo ramadame akkuma dargaggoo Oromoo kaanii innis ummata isa guddisee, barsiisee kanaan isa ga’e tajaajiluuf hawwii guutuudhaan ture kan inni hojii barsiisummaa eegale. Akkuma dargaggeessa kamii iyyuu mana dhaabee ijoollee godhatee jireenya gaggeessuuf abjuun isaa bara dheeraa waan bakka ga’aa dhufe itti fakkaate.
Waxibajjii 26, 2008 namni mul’ataa kun hojii barsiisummaa jalqabee reefuu baatii muraasa hojechuu isaati. Guyyuma kana akkuma guyyoota kaanii hiriyyoota isaa wojjin utuu mana barumsaa inni barsiisuu galaa jiruu konkolaataan lakkoofsa gabatee ishee 3-F taate dingata dhuuftee fundura isaa dhaabbate. Konkolaataan kun kan Poolisii Federaalaati. Konkolaataa kana keessaa namootni uffata sivilii uffatan utaalanii bu’uudhaan balleessaa tokko malee barsiisaa Nimoonaa ukkamsanii fuudhanii sokkani.
Dargaggoo Nimoonaa utuu gara wojjira poolisii anichaatti illee hingeeffamiin dabarfamee iddoo hinbeekamnetti geeffamuu isaa namootni yeroo sana ijaan argan himaniiru.
Haalli kun kan isaan yaadesse Oromootni baayyeen dhaabbileen mirga dhala namaa tiksan addunyaa dhiimma kana duukaa bu’anii lubbuu dargagoo Nimoonaa akka baraaraniif waamicha godhanii turan.
Woggaa tokko, waggaa lamaa, sadii … woggootiin 6 nilakkaa’aman………
Mootummaan Woyyaanee ilmaan Oromoo, keesummaa immoo hegeree biyyaa kan ta’an dargagoota Oromoo hamilee cabsuuf tooftaa inni itti gargaaramu keessa inni tokkoo dargaggoota oromoo sammuu cimaa qaban ukkamsee mana hidhaa buusee, achitti torchii godhee, namummaatii isaan baasee gaafa isaan qarqara boollaa irra ga’an gadi darbachuu yookanis mana hidhaa keessatti ajjeesee reeffa isaanii baasuudha.
Dargaggoo Nimoonaas carradhuma kanatu isa argate. Woggootii ja’aan darbaniif Manneetii hidhaa Mayikelaawwii, Qaallittii, Qiliinxoo, akkasumas Ziwaaytti gidiraa ilmoon namaa arguu hinqabne baayee arge. Kana irraa kan ka’es dhukkuba irra bu’e. Dhukkuba isaa kanaafis yeroo dheeraa fuundura woldhaansa haakimaa argachuun irra ture hinargatiin hafe. Bulchiinsi mana hidhaa Lubbuu dargaggoo kanaa baraaruuf gargaarsi woldhaansaa hakimaa olaanaan akka isa barbaachisu yoo beeke illee yeroo dheeraadhaaf irratti ilaaleera. Dhuma irratti guyyaa muraasa fuudura waardiyyoota poolisii federaalaa afuriin marfamee eegamaa hospitaala Xiqur Anbessaa akka seenu yoo godham iyyuu dhukkubni isaa waan baayyee irra tureef, yeroo itti gargaarsa argatutti waan hinargatiin hafeef hakiimotni kana booda waan baayee gargaaruu akka hindandeenye dubbataniir.
Umrii waggaa digdamootaa keessatti kan argamu dargaggoo xobbeen abdii borii amma guyyaa du’a isaatii eegachaa jira.

2 comments:

  1. Aboo nama yaalamaaa jiru irratti oduu akkanaa jechuun maati fi fira isa yaalchisaa jiran haamilee cabsa.Manni hidhaatillee akka inni hin yaalamne godhuu danda'a.kanaafuu, oduu kan waan namticha dhibamu hin fayadneef akka kaaftan/haqxan isin gaafanna.

    ReplyDelete
  2. please please please....mucaa dhibamee yaalamaa jiruuf maaf hin yaanne? adaraa rabbii dubbiin itti garagalee mucaan yaalamuu illee akka hin dandeenye gochaa jirtu, please otoo kana kaaftanii baay'ee bayeesa.

    ReplyDelete