Wednesday, February 25, 2015

Godina Iluu Abbaa Booraa Aanaa Gachii Magaala Gachii Keessatti Warraaqisi Bilisummaa Itti Fufuun Uumanni Daandii Cufe

 Gabaasa Qeerroo Guraandhala 24,2015
diddaa9Dhimma abbuummaa lafa qonnaan bulaa fi qaala’iinsa jireenyaan wal qabatee Oromiyaa naannoo garagaraatti uummataan gaaffiin ka’aa jira. Odeessa Qeerroo gara lixa Wallaggaa, Iluu Abbaa Booraa fi Wallagga Bahaa irraa akka gabaasutti, Guraandhala gaafa 17/2015 irraa eegalee godina Iluu Abbaa Booraa aanaa Gachii magaala Gachii keessatti dhimma lafaa fi Oromoota yakka malee hidhamaniin wal qabatee gaaffii mirgaa ka’een, obboloota keenya mana hidhaa keessa jiran hiikamuu akka qaban jechuudhaan uummanni gaafachaa oolaniiruu. Haala kanaan daandii cufuudhaan dhaamsa;
  • Obboloota keenya hidhaman haa hiikaman,
  • Lafti seeraan ala qonnaan bultoota irraa fudhatame akka hatattamaan deebi’u.
  • Namni yakkaa fi badii tokko malee mana hidhaa mootummaa keessa jiru kan hin hiikamne yoo tahe filannoon  naannoo kenyatti hin gaggeeffamin,
  • Filannoon dura hidhamtootni dhimma amantaanis tahe dhimma eenyummaa isaaf mana hidhaa jiru hiikamuu fi gadhiifamuu qaba;
Kan jedhu erga telefoonaan waliifis dabarsuun guyyaa kana daandii cufuun kan oolan tahu odeessaan Qeerroo achirraa nugahe addeessa. Haaluma kanaan sochiin naannicha irratti Sambata darbe eegale mootummaan Wayyaanee gaaffii isaanii kanaaf hedduu yaadda’uu fi mufachuu irraan kan ka’e tikoota fi milishooti Wayyaanee uumata marsanii jiraachuun gabaafame.

No comments:

Post a Comment