 Guraandhala 25, 2015
Guraandhala 25, 2015 
Caayaan Tokkummaa Baqattoota Oromoo Biyya Masrii (CTBOBM) 
eega maqaa kanaan hundeeffamtee eegalee maqaan Oromoo UNHCR fi mootummaa
 Masrii biratti akka dhagahamu qooda ol’aanaa taphatte. Himatni 
baqattummaa (case )
 ilmaan Oromoo biyya Masrii jiraniidhaa hundee dhugaa irratti akka 
jajjabaatu gochuu fi gurgurtaa jalaa akka baraaramu taasisuun 
danda’ameera. Ammas taanaan Habashoota case Oromoo butachuuf yaalanii fi
 warra Oromoo keessaa Habashootatti gurgurachuuf yaalu saaxiluun 
jabaatee itti fufee jira.
Kana
 malees Oromoo fi Habashoonni impaayera Itoophiyaa keessatti seenaan 
keessa dabranii fi har’as haalli keessa jiran walii faallaa waan taheef,
 biyya baqaa keessatti Habashaa waliin caayaa hawaasummaa tokko jalatti 
hiriiruun akka hin danda’mne ifa galaa dha. Caayaan Tokkummaa Baqattoota
 Oromoo Biyya Masrii (CTBOBM)dhugaa tana warra abbaa biyyaa fi UNHCR 
hubachiisuudhaan, akka dhimmi Oromoo addatti hubatamuu fi Oromoon ofiin 
of ijaaree rakkoo isaa himachuu danda’u dandeessisuu irratti hojii 
guddaatu hojjetame. Injifannoon gama kanaan gonfatames salphaa miti. 
Oromummaa jabeessuu fi akka oromootti oromoon akka yaadu gochuu irratti 
tattaaffii guddootu godhame. Tattaaffiin barbaachisaan kun ammas 
jabaatee itti fufee jira.
Qooda
 jaaraa Caayaan gumaachite irraa hangana eega dubbannee booda, 
yaaddoowwan gurguddoo yeroo ammaa hawaasa baqataa Oromoo Cairo gidduutti
 mul’atu irraa dubbannee furmaataas akeekuu barbaanna. Yaaddoon hawaasa 
keenya Cairo keessatti mul’achaa jiru gurgurddaan bakka lamatti bahee 
hubatamuu danda’a. Kan duraa farra tokkummaa Oromoo kan tahe adeemsa 
gandummaa ti. Kan lammaffaa maadhee diinaa hawaasa keenya keessatti 
hidda naqachaa jiruu dha.
Dhimma
 gandummaa irraa haa kaanu. Sadarkaan sabboonummaa keenyaa hanga 
ammaatti jabaatee bakka silaa hawwamu gahuu hanqachuu irraa kan ka’e, 
hawaasni baqataan afooshaa kutaa kutaa isaa jaarratee gaafa gaddaa fi 
gammachuu wal cinaa dhaabbachuuf tattaafachuun waanuma mul’achaa turee 
fi jiru. Haa tahu malee, afooshaaleen kun akka itti socho’an irratti yoo
 sirni itti tolfamuu baate, balaa tokkummaa Oromoo akka hamaatti 
gaaga’utu dhalata. Afooshaan tamuu gaafa taaziyaa, dhukkubaa, balaa, fi 
kkf irratti wal cinaa dhaabbachuu bira dabartee sochii siyaasummaa qabu 
keessa seenti taanaan daangaa afooshummaa isiidhaa irra ceetee madda 
yaaddoo taati.
Hafooshaan
 takka sochii siyaasummaa keessa seenuu jechuun maal jechuu dha? Deebiin
 ifaa dha. Maqaa kutaatiin wal jaaranii haala rakkoon hawaasummaa homaa 
hin mudatin keessatti dhimma siyaasummaa kutaa sanii irraa hadoodanii 
dubbachuu, warra kutaa biraa of irraa fageessanii bobbaa fi gala  irratti wal qofa quba qabaachuu, seenaa kutaan sun 
 qabaachaa turte hamtuus taatu toltuu garmalee halluu dibanii 
miidhagsanii himachuu, san birayyuu dabranii nama kutaa san keessatti 
dhalatee seenaan isaa beekamu suuraa isaa bifa T-shirtiitiin 
maxxanfatanii miseensota kutaa saniif addatti raabsuu, maqaa 
afooshaatiin kan jaaraman tahuu hanga of dagatanitti fagaatanii deemanii
 Oromoo kutaa biraa irraa seenaa addaa fi of danda’e akka qabanitti 
walitti himachuu fi ittiin wal kakaasuu, qalbii miseensota kutaa sanaa 
keessatti sanyii naannummaa fi ofittummaa facaasuu faa dha. Kun ammoo 
Oromummaa mallattoo jabinaa fi guddina keenyaa saniif dursa kennuu manna
 eennyummaa kutaatiif akka bakka guddaa kenninu nu godha. Gabaabaatti nu
 diiga. Guddina keenya xiqqeessee daranuu alagaan akka nu qoqqoodee 
nuratti roorrisu haala mijjeessa.
Rakkoon
 kana fakkaatu kun qabatamaatti Cairo keessatti mul’ateera, mul’aaas 
jira. Sochiin balaa qabu akkasii kun dirmannaa ilmaan Oromoo kutaa 
hundumaatiin kan hin dhaabsifamne yoo tahe balaa guddaa qabaata. 
Afooshaaleen kutaa biros fakkeenya diigaa fi qaanfachiisaa akkasii kana 
wallaalaanis tahee xiiqiidhaan hordofanii dorgoommii naannummaa diigaa 
keessatti akka hiriiran taasisuu danda’a. Yeroo itti ummanni Oromoo 
biyya keessaa fi alatti tokkummaa keenyatu laaffate jedhee walitti 
booyaa jiru tana keessatti haalli kun yoo mul’ate kun waan diinni tahe 
jedhee duubaan goree nu diiguuf hojjechaa jiru tahuutti nama 
shakkisiisa.
Seensa
 bara kanaa irratti haalli reefuu dubbatame kun wayta Cairo keessatti 
mul’ate, CTBOBM dubbii tanaan rifattee sagalee mormii dhageessiftee 
turte. Warri hojii akkasii kana irratti hogganummaadhaan bobba’e CTBOBM 
jalatti kan hin argamne waan taheef garuu, Caayaan dubbii tana irratti 
gaafatama fudhattee dhaabsisuu hin dandeenye. Sochiin rifaasisaan 
akkasii kun kan jalatti geggeeffame qaama hawaasummaa Oromoo biraa 
keessatti waan taheef, qaama san irraa tarkaanfiin hatattamaa fudhatamee
 tokkummaa Oromoo balaaf saaxilame sirreeffama jennee osoo eegnuu yoona 
geenye. Hanga ammaatti garuu gochaa maqaa afooshaa kutaa Oromoo 
takkaatiin godhamte san balaaleffachuu fi fakkeenyummaa isiis ittisuu 
irratti qaama silaa itti gaafatamu san irraa wanni xiixame hin jiru. 
Ibsa kana illee yeroo kanatti baasuu wanni barbaachiseef tokko 
yaaddoodhuma tana.
Gandummaan
 farra tokkummaa ti. Namni gandummaa baballisu rirma tokkummaa ummata 
Oromoo ti. Warra gochaa diigaa akkasii irraa akka deebi’aniif gorfamnaan
 fudhachuu didanii daranuu achii as loluu barbaadan duubaan diinni akka 
jiraachuu malu shakkuu barbaachisa.  Warri dogoggorfamanii sochii 
diigmayaa akkasii keessaa qooda fudhatan yeroodhaan yakka kana keessaa 
akka of baasan dhaamnaaf. Kanneen didanii gochaa fokkataa kana akka 
hojii eebbifamaatti itti jiran ammoo kaayyoo diinummaa akka qabanii 
hoj-manee diinni kenneef kan hojjechaa jiran tahuu hubannee of irraa 
ittisuu fi saaxiluun fardii taha. Dinni qaawwa warri akkanaa nutti banaa
 jirutti dhimma baatee tokkummaa Oromummaa diigdee bara baraan qabeenyaa
 Oromoo saamaa jiraachuu hin eehamnuuf. Kanaafuu ilman Oromoo Cairo 
keessaas tahee biyyoota adda addaa jiran gochaa farra tokkummaa maqaa 
afooshaatiinis tahee bifa biroon raaw’atamu jabinaan akka dura 
dhaabbatan yaadachiifna. Jaarmaya waloo jabeeffatanii afooshaa kutaa 
waan jedhamu yoo dandayame jigsuu, dadhabamu ammoo daangaa murtaawe itti
 tolchanii toyachuu irratti akka waloon hojjennu waamicha dabarsina.
Yaaddoon
 Cairo keessatti harkaa nu qabdu tan biraa waa’ee qunnamtii diinaa ti. 
Hawaasa Oromoo Cairo jiraatu keessatti, warra akka qunnamtii embaasii 
Wayyaanee qabu ragaadhaan irra gahametu jira. Jarri kun harka tokkoon 
akka sabboonaa Oromoo sirnichaan doorsifamee biyyaa baheetitti case 
tolfatanii UNHCRitti galmaawanii osoo jiranii, gama kaaniin ammoo 
embaasii diinaa waliin hariiroo tolfatanii baqattoota Oromoo dhugaa 
doorsisu. Jaarmayni hawaasummaa Oromoo kan warri diina waliin hariiroo 
qabu akkasii kun keessatti buulessa tahee mul’atu waan kana irratti 
maaliif akka hin yaaddofne nu ajaa’iba. Dhugumatti sirna Wayyaanee kan 
baqannee biyyaa bane yoo taate, nu keessaa warra embaasii Wayyaanee 
waliin qunnamtii tolfatee hojjetu callisnee laaluu bira dabarree akka 
manguddoo keenyaatitti kan laallu yoo taheef nama sodaachisa. Namoota 
akka wakiilummaa diinaatitti hojjechaa jiran of keessaa saaxilanii 
qulqullummaadhaan dhaabbachuu wanni nama dhorku maal akka tahe ifaa 
miti. Jaarmaya waan kanaan qeeqamu keessatti galmaawanii kan argaman 
ilmaan Oromoo 95% ol tahan qulqulluu fi daba kana kan quba hin qabne 
tahuun ammo ifatti beekamuu qaba.
Qaamni
 jaarmayaa qeeqni kun itti xiyyeeffatu waan lama keessaa tokko gochuuf 
mirga qaba ture. Tokko, namoota jarmayaa san keessa jiran kan maqaan 
isaanii embaasii Wayyaanetiin wal qabatee yeroo baay’ee ka’u kana of 
keessaa basanii saaxiluu. Yoo kana didanii qulqullummaa namoota 
saniitiif kan falman taate ammoo, qulqullummaa namoota sanii ragaadhaan 
deeggaranii agarsiisuudhaan shakkii irraa of walaboomsuu danda’uu dha. 
Kana lamaanuu keessaa tokkoyyuu raaw’achuu hin dandeenye, yookiis hin 
barbaanne.
Haala
 balaafamaa akkasii of duratti argaa Caaayaan calliftee laaluu hin 
dandeessu. Qaamonni diina waliin hidhata qaban kun ABOdhaan 
‘goolessituu’ jedhanii waamuu isaaniif ragaa qabatamaa harkaa qabna. ABO
 jechuun dhaaba nuti baqattoonni Oromoo marti deeggartummaa yokiin 
miseensummaa isaatiif itti shakkamnee himata keenya UNHCR naqannee 
jirruu dha. ABOn mootummaa Itoophiyaatiin akka malee yakkamuu fi ilmaan 
Oromoo kumoonni kudhanoonnis maqaa deeggartummaa dhaaba kanaatiin 
yakkamanii ajjeefamaa, hidhamaa doorsifamaa, saamamaa fi biyya irraa 
godaansifamaa jiraachuu addunyaatu raga bahaa jira. Amnesty 
International, HRW, fi jaarmayaaleen mirga namoomaa idil addunyaa kan 
biro hedduun kanaaf raga dha.
Dhaaba
 kanaan kan ‘goolessituu’ jedhee afaan guuttatee dubbate mootummaa 
Wayyaanee qofa. Kana irraa kan hafe addunyaan ABOdhaan ‘goolessituu’ 
jettee yeroo itti waamte hin qabdu. Kanaafuu, qaama balaa sirna 
Wayyaanee jalaahin baqadhee dhufe ofiin jechaa, deebisee ammoo jecha 
Wayyaaneen qofti dhaaba ABO ittiin waamtutti dhimma bahee ‘goolessituu’ 
jedhu akkasii kanaan maal jedhama? Nuti gama keenyaan kan arraba 
Wayyanee irraa fudhee dhaaba Oromoo tokko maqaa balleessu ergamaa 
Wayyaanee waan taheef ni sodaanna. Jaarmaya qaamota arraba diinaa 
tahanii dubbatan akkasii of keessatti hammate waliinis akka baqataa 
Oromootti waliin teenyee rakkoo keenya dubbachuu hin dandeenyu.
Warri
 akka baqataa Oromootti miilla tokkoon nu waliin UNHCR dhaabbachaa, 
miilla kaaniin ammoo embaasii Wayyaanee dhaabbatu of irraa eeguu fi 
qaama dhimmi laaluttis himachuuf mirga ni qabna. Warra arraba tokkoon 
case baqattummaa tolfatee himachaa arraba biraatiin ammoo arraata 
Wayyaanee tahee dhaaba Oromoon kumaatamni itti yakkamee mana hidhaa 
ciisuun ‘geelessituu’ jedhu akka qoosaatti hin laallu. Diinni case 
Oromoo balleessuuf jecha jara kana nurratti bobbaase jennee shakkina. 
Duula bara meeqa guutuu nu gaafate kan case Oromoo case Habashootaa 
irraa adda baafnee addunyaatti beeksisuutti milkoofne deebisanii nurkaa 
daaraa gochuuf jecha warra diina waliin dhaabbatee arraba diinaatiin 
dubbatu jabeessinee balaaleffanna. Ilmaan Oromoo Cairo keessaas tahee 
addunyaa mara irra jiran illee yaaddoo keenya kana nuu hubachuudhaan 
akka nu cinaa dhaabbatan waamicha dabarsina. Baqattoonni Oromoo jaarmaya
 gochaa hidhata diinummaatiin yakkamu kana keessatti fayyaalummaadhaan 
hiriiranii jiranis shira namoota hagoo (muraasaan) isaan irratti xaxamee
 case isaanii busheessuuf hojjetamaa jiru kana irratti dammaqanii akka 
of irraa dhaabsisan waamicha dabarsinaaf.
Mootummaan
 Wayyaanee nu warra cunqursaa sirnichaa baqannee biyyaa bane bakka 
jirrutti hordofee miidhaa guddaa nurraan gahuu danda’a. Wayyaaneen nu 
adamsitee rukutuu birayyuu dabartee warruma maqaa OPDOtiin isii faana 
dhama’uyyuu ‘likkiitti si galchina’ jettee kan dhaadataa jirtu tahuun 
ifaa dha. Diinni tuffii Oromootiin guutamee akkasitti nu salphisuu fi 
lafa irraa nu balleessuuf hojjechaa jiru kun, baqataa Oromoo keessattis 
maadhee tolfatee bifa kanaan nu haleelaa jira jennee amanna. Kanaafuu, 
baqataan Oromoo Cairo keessa jirus tahee kan addunyaa irraa martuu, 
harka tokko taanee haleellaa diinni karaa adda adaatiin nurratti 
aggaammataa jiru akka waloon fashalsinu waamicha Oromummaa dabarsina.
Injifannoo Ummata Oromoof !
KOREE Caayaa Tokkummaa Baqattoota Oromoo Biyya Masrii
Kaayroo Masrii
CHAIRMAN
ABDALLA JAMAAL MUME
UORA – EGYPT
United Oromo Refugees Association in Egypt
https://www.amnesty.org/en/library/asset/AFR25/006/2014/en/539616af-0dc6-43dd-8a4f-34e77ffb461c/afr250062014en.pdf
                
                     
                    HOA News                         Tags:
                                                    
                                
                
 
Posted by admin - 25/02/2015 at 4:15 pm