Thursday, February 5, 2015

Guraandhala 4/2015 Godina Jimmaa Magaalaa Jimmaa keessatti kanneen argaman humni waraanaa kora bittinneessa Oromiyaa jedhamuun beekaman sabboontota barattoota Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa Waliin qunnamtii tolfattanii FDGtti seenuuf jirtuu maqaa jedhuun wayyaaneedhaan qorataman.

Guraandhala 4/2015 Godina Jimmaa Magaalaa Jimmaa keessatti kanneen argaman humni waraanaa kora bittinneessa Oromiyaa jedhamuun beekaman sabboontota barattoota Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa Waliin qunnamtii tolfattanii FDGtti seenuuf jirtuu maqaa jedhuun
wayyaaneedhaan qorataman. Sochiin warraaqsa FDG mootummaa wayyaanee gama hundaan hudhee qabuutti jira. Sabboontootni poolisootnii fi humni bittinneessaa Oromiyaa jedhaman keessatti ilmaan Oromoo argaman Oromummaan yakkamuun qorannoof saaxilaman jedhe odeessii keessa kora bittinneessa Oromiyaa magaalaa Jimmaa qubsiifame jiru gidduudha bahaa jiru.
Mootummaan Wayyaanee EPRDF Oromoo ajjeessa jira, Oromoo saamaa jira, Oromoo qe’eef qabeenya irraa buqqisaa jira, Oromoo mirga abbaa biyyummaa irra mulqee jira, badii tookko malee Oromummaan yakka ta’aa jira, kun humna waraanaa mitii maraatuu fi raatuu karaa guddaa illee dhimma dammaqsudha, Ogummaa Waraanaatiin dhimma nageenya biyyaaf jennee mootummaa kana waliin dalaguun garba nu godhee jira arii jedhuun humni waraana kun hedduu dheekkama jiru. Akeekni fi karoorri roorroon mootummaan Wayyaanee uummata Oromoo irratti gaggeessa jiru akka rasaasa bilisummaa dhukaafnuuf nu dirqamsiisaa jira Oromoon bakka jirtanii nu cina dhaabbadha jedhuu sabboontootni Oromoo poolisii kora bittinneessa Oromiyaa magaalaa Jimmaa keessatti argaman.
Mootummaan Abbaa irree EPRDF yaaddoo fi sodaa guddaa keessa seenuun poolisii kora biittinneessa Oromiyaa magaalaa Jimmaa keessa qubsiifame jiru gara Godinalee Oromiyaa birootti buqqisee jijjiruuf akka jiru odeessi nu qaqqaba jiru saaxilee jira. Sabboontotni ilmaan
Oromoo bakka jijjiruun Oromummaa keenya kan nu keessatti ajjeessuu utuu hin ta’iin Oromummaa keenyatti kan nu cimsudha jechuun bakka kam iyyuu yoo adeemne kanaan booda Oromoo hidhuun, Ajjeesuu fi biyyaa irraa baqachiisuun dhaabbachuu qaba, adeemsa kana bakka kamittuu haalduree tokko malee dura dhaabbatna jechuun dhaamsa dabarfatan.
Goototni Qeerroon dargaggootni Oromoo ilmaan Oromoo sadarkaa garaagaraa fi haala garaagaraa keessa jiratan hundi yeroon gamtaan falmatan amma bakka jirruu harka wal qabatnee eenyummaa, bilisummaa Uummata Keenyaa fi walabummaa biyyaa keenyaaf haa falmaatnu mmuutummaa abbaa irree Oromummaa keenyaan nu yakka jiru dura haa dhaabbatnu jechuun dhaamsa itti fufinsa qabu uummata Oromoo hundaaf dabarsuu itti fufan.
Injifatnoon Uummata Oromoof!!

No comments:

Post a Comment