Monday, February 16, 2015

MAAL DHABDE GARAAn KOO?

Fra’ol Guutuu Irraa
barruuMaal taate mar’atta maal dhabde garaakoo
Maal sibarabaachise maal hawwite laata
Du’a moo jireenya kamiin naan gaafatta?
In beelofte immoo in dheebotte laata
Anoo kana jiru bakkeeen ani oolu lafa onaa keessa
bineessa nuun marsee nuun nyaachuuf diddicha
Gaafii holqa keessa gaafi dachee gogaa
Mar’ummaan koo hidhee meeshako qabadhee
Gabrummaa halagaaf harka hin laadhu jedhee
Abbootiii,haadholii,daa’imman ,dargaggoo
Lafa irra kan fixee, qomooko mancaase
Hegeree biyya koo dukkana taasisuuf
Agartuu koo jaamsuuf hiddakoo mancaasuuf
Kanaaf hidhee bahee, dhagaa boraafadhe
Baalaa fi hidda mukaa irbaata godhadhe
Fixeensa ganamaan afaankoo jiifadhe
Hadhooftuu jireenyaa dhugee habuuqadhe
Du’aa hin hafu jedhee abbakon kakadhe
Hin boo’iin harmeeko hin aadiin garaako
Gaafa rabbi jedhe boojuu fudheen gala
Faajiko qabadhee bakkalchakon ibsa
Daangako diigamte olkaaseen biqilcha
Qomokoo mancaate deebiseen ijaara
Hiyyummaa fi gabrummatti xumurashen hima!
Anis akka biyyaatti jiraachuukon hima
Dabareekoo eegeen Adunyatti hiriira
Kaartaa Adunyatti jiraachuukon hima
OROMIYAAN BIYYA!
 Fra’ol Guutuu irraa

No comments:

Post a Comment