Thursday, February 12, 2015

Waamichaa Birmannaa Hawaasa Baqattoota Oromoo Magaala Naayiroobii fi Gaanfa Afrikaa

Koree Hawaasa Baqqattoota Oromoo Magaalaa Naayiroobii | Gurraandhala 12, 2015
Naaroobii
Naaroobii
Jilli dabballoota OPDO olaanoo mootummaa gita bittuu wayyaaneen bobbaafame baqattoota Oromoo biyyoota ollaa Itoophiyaa keessa jiran (Keenyaa, Ugaandaa, Somaaliyaa, Jibuutii, Ijibtii fi sudaan lamaan) keessa jiraatan irratti xiyyeeffannaa hamaafi adda ta’e saganteeffatee ukkaamsuu fi biyyatti deebisuu kan jedhuun duula hamaa gochaa jira. Haaluma kanaan baqattoota Oromoo biyya Keenyaa keessa jiraatan irratti xiyyeeffannaa addaa gochuun marsaa jalqabaaf gaafa guyyaa Guraandhala 14, 2015 magaala Naayiroobiitti duula ji’oota lamaaf walittifufinsaan raawwatu  mataduree marii baqattoota waliin jedhuun karaa ergamtuu ykn lukkeelee diinaa baqattoota fakkaataniifii saba biraa Afaan Oromoo dubbataniin waliin makanii hawaasa keenya  afaan faajjessuuf walga’ii geggeessuudhaaf xalayaa waamichaa facaasaa jiru.
Haaluma kanaan dabballoonni OPDO fi basaastonni murna gita bittuu wayyaanee dhibbaan lakkaa’aman gara magaala Naayiroobiitti galuun embaasii alatti waajjira dhimma kana qindeessu saaquun duula hamaa geggeessutti argamu. Kanaaf, dhalattoonni Oromoo dhimma kana otoo hin hubatiin itti hirmaachuuf  yaada qabdan balaa dhokataa sagantaa kana duuba jiru hubattanii akka irraa of qusattan yaadachiisa kana isiniif dhaamna.
Kaayyoo ifaa ykn. Jechoota Sossobbaa Sagantichaa
  1. Baqattoota mariisisuun lafa mana irratti ijaarratan magaala Finfinneetii kennuu;
  2. Mana koondomineemii kennuuf waadaa galuu;
  3. Maqaa ‘business Group’ jedhuun Imbaasii jalattii ijaaruun Imbaasiin deeggarsa addaa waan kennuuf fakkeessuu’
  4. Maqaa kominiitii Itoophiyaa jedhu jalatti akka ijaaraman gochuu;
  5. Viidiyoo fi fakkiillee adda addaa agarsiisuun nageenyii fi Misoomni jabaan biyya keessatti waan deemaa jiru fakkeessuun qalbii baqattootaa hawachuu yaaluu;
  6. Baqattoota biyyatti deebi’uuf fedha qaban sossobuun gara biyyaatti deebisanii ololaaf itti fayyadamuu;
Kaayyoo Dhoksaa Sagantichaa
  1. Sochii baqattoota Oromoo harka lafa jalaan hordoffii fi to’annoo Imbaasii Itoophiyaa jala galchuu;
  2. Baqattoota walga’iirratti hirmaatan dhoksaan viidiyoon waraabuun, akkasumas maqaa isaanii galmeessuun akka waan baqattoonni Oromoo biyyatti deebu’uuf iyyata galfatan fakkeessuun maqaa fi galmee baqattootaa viidiyoon deeggarame qabachuun waajjira UNHCR fi DRAtti dhiyeessanii  baqattummaa Oromoo sadarkaa  ‘repatriation’  keessa akka galu irratti hojjachuu;
  3. Sochii siyaasa Oromoo Naayiroobii keessa jiru ji’oota lama keessattii dhabamsiisuu;
  4. Suuraalee fi viidiyoo affeerraa nyaataa fi saganticharratti waraabame ETV irratti dhiyeessuun olola siyaasaaf itti fayyadamuu;
  5. Baqattoota sirrii ta’an ukkumsanii biyyatti deebisuun mana hidhaatti darbuu;
  6. Magaalota Naayiroobii, Isolloo fi Mooyalee keessatti ejentoota mootummaa Keenyaa waliin ta’uun duula walfakkaataa geggeessuu fi sagantaalee kana fakkaatan qabatanii bobbaatti jiru.
Kanaafuu, hawaasni Oromoo fi miidiyaaleen Oromoo biyyoota adda addaa keessatti argamtan akkasumas jarmiyaaleen kabajaa mirga namaaf dhaabattan duula   mirga baqattoota Oromoo ukkaamsuuf bobba’e kana qolachuuf tumsa  barbaachisu akka gootan waamicha lammuummaa isiniif dabarsaa, namoota baqataa fakkaatanii duula kana milkeessuuf xalayaa waamichaa facaasaa jiran  hordofnee maqaa isaanii kan saaxillu ta’uu nihubachiifna.
Koree Hawaasa Baqqattoota Oromoo Magaalaa Naayiroobii

No comments:

Post a Comment