Qellem,
Jimmaa Horroo ganda qonnaan bulaa Akkoo Jirruu jedhamtu keessatti
uummanni ajaja mootummaa waan lagataniif tika wayyaneen reebaman,gabaasa
Qeerroo Jimmaa Horroo hara Guraandhala 9 addeessuun guyyoota murasa
dura Guraandhala 4 mootummaan misooma lafaa,jedhuun daagaa qotuu jedhamu
ajaja basee baadiyaalee keessa qonnan bulaa dirqisiisuun akka bahan
ajaja baasaa ture, uummannis yeroo ammaa ajaja mootummaa Wayyaane bakka
hundaatti waan lagataa jiruuf humnatti fayadamuu, humna milisha
baatiwwan muraasa dura dhimmuma kanaaf leenjifatee ture uummata keessa
gadhiisee uumata keessa deemuun WBOn isin keessa jira isintu nyaachisa
jechuun jiraattota haa hiraarsan malee uumanni takkaa fudhachuufii hin
dandeenye.Haaluma kanaan halkan halkan uummata irra deemanii reebicha hamaa qote bultootaa fi dargaggoota irratti raawataa jiru guyyaa jedhame kanaa kaasee kanaan namootni miidhamanii buufata fayyaatti argamanii osoo yaalamanii gaffii taasisaniif namootni kaan hallan sa’a 9:00tti manaa waamamuudhaan, gadi fuudhanii reebamuu isaanii duubbachuun Qeerroof ibsa godhanii jiru namoota reebicha kanan miidhaman:
1.Aadde Dambalii Ruudaa
2.Dar.Mohamadnuur Siraaj
3.Dar.Ashennaafii Gindaabaa
4.Dar.Isaaquu Gindabaa fi
kanneen biroos kan maqaan nun gahin hafan jiru, tikoota uummata eebuu waliin kan hiriiranii jiran keessaa bulchaa ganda kanaa kan tahe
Shumbaa Daggafaa,milishaa gandichaa Margaa Agichoo kanneen biroo fuula isaanii ukkaamfachuudhaan namoota humna biraa mootumma irraa ergame waliin uummata dhaanuun reebicha irratti raawwataa jiraachuu gabaasni nu gahee jira.
No comments:
Post a Comment