Monday, February 2, 2015

Koollejjiin Barsiisota Jimmaa Tajaajila hojii Ogummaa Barsiisummaa Kennuun Cinatti Hojii Dabballummaa Mootummaa Abbaa Irree EPRDF Akka Fudhatan Dirqaman.

Ammajjii 29,2015 Koollejjiin Barsiisota Jimmaa tajaajila hojii Ogummaa barsiisummaa kennuun cinatti hojii dabballummaa mootummaa abbaa irree fudhachuun sabboontota barattoota Oromoo waajjirraatti waamuun isin farraa mootummaati jechuun barattoota Oromoo dararuu itti fufe jira.
Sabboontootni barattootni Oromoo koolleejjii barsiisota Jimmaa humna dabballee tikaa mooraa koolleejjii barsiisota Jimmaa irratti ramadamaa nama Taarikuu jedhamuu fi President koolleejjii Barsiisota Jimmaa kan ta’ee nama hojii dabbalummaa fi basaasummaa irratti bobba’uun barattoota Oromoo doorsisaa jiruu Abbaa Zinaab Abbaa Olii kan jedhamuun doorsifamaa fi dararama jiru. Guyyaa kaleessa sabboontota barattoota Oromoo lama badii tokkomalee biirootti ni barabbadamtu jechuun isin FDG mootummaa keenya irratti kaachiisuuf barattootaa fi uummataa kakaasaa jirtu, miseensa kenyaa diigaa jirtu,barattoota miseensa ta’an akka isaan miseensummaa mootummaa
keenyaa dhaaban dirqisiisaa jirtu jechuun doorsifaman.
SabboontotniBarattootniOromoo haala kanaan doorsifaman:
1.Barataa Guddisaa Cimdeessaa barataa Mummee Civic and Ethical Education waggaa 3ffaa
2.Barataa Seefuu Hayilee barataa Muummee Geography waggaa 3ffaa
Kanneen barachaa jiran badii tokko malee Oromummaa isaaniin yakkamuun qorannoo farreen dimookiraasii fi bilisummaatiin dararamuun ibsame jira. Goototni barattootni Oromoo Koolleejjii barsiisota Jimmaa fi Yuunibarsiitii Jimmaa Wayyaaneen gocha abbaa irrummaa isheetiin muddamtee hudhamtus FDG kan hin ollee fi doorsiisaa fi barnoota irraa arii’uu, hidhuu, reebuu,ajjeesuu fi biyya irra arii’uun dhaabuu kan hin dandeenye ta’uu hubachiisan.

No comments:

Post a Comment