Thursday, February 19, 2015

KURUPHISA IRRAA DAMMA HIN EEGGATANII !!!!


SEENAA Y.G(2005) |   Gurrandala 19, 2015
Filannoo fi waggaa 40ffaa TPLF wal qabsiisanii , addatti hiwaatoonni waan isaan hololaa jiran kan qalbifateef, Bilisummaa keenya goonfachuuf maaltu akka nu irraa eegamu tilmaamu hin dadhabu. Ummati qabsoo gaggeessu tokko,sochii isaa guyyu akkuma hordofu, sochii diinaas hordofuun dirqama. Qabsoon Ummata Oromoo Biyya keessaa fi alatti gama hundaan gaggeeffamaa jiru, jabiina horachaa jiraachuun beekamaadha. Kun diinaaf tasgabbii kan kennu miti. akka walii galaatti, sochii amma taasifamaa jiru caalaatti jabeessuu fi tarkaanfii diina mogolee cabsun deeggaramu qofatu nu hafa yoon jedhe dhugaa irraa fagaachuu hin ta’u. Sochii Ilamaan Oromoo gama hundaan taasisan tarkaanfii diina irratti fudhatu daran jabeessinee itti fufu fi hegaree diinaa yaaddoo keessa galchuu hanqachuu keenyatu, diina Oromoo kan ta’ee wayyaanee fi jala deemtoonni isaanii akka arraba dheeratan taasisaa jira.
Gidduu Dabree ergamtuun wayyaanee Minaaseen, dhaloota wareegama Ummata isaaf baasaa jirun , kashalabboota jechuu fi torban kana ammoo, shiraan dhalatee shiraan kan guddate qondaalli wayyaanee Abbaay Tsahaayyeen, Ummata Oromoo irratti dhaadachuun, dhalli Oromoo bakka jiru maraa, mormii fi deebii gama hundaa ilaallatu kennaa jiraachuu dhaga’as , daawwachaas jirra. Anaaf ajandaan diinaan nuuf qophaa’ee yeroo yeroon sochii bu’uraa irraa nu maqisuuf carraaqamu kana waliin baduun, bu’aa waan nu argamsiisu natti hin fakkaatu. Namichi Abbaay Tsahaayyee jedhamu kun waan arrabaan amma dubbate kun, baatii sadan tokko dura Barattoota irratti tarkaanfiin akka fudhatamu ajaja dabarseen, ilmaan Oromoo 70 ol galaafachuu isaa  waan caalu natti hin fakkaatu. Abbaan Duulaas baatii sadii dura ijoollee kana kan ficcisiisee fi garii hiisise kaan Barnoota irraa ariisise , kashabboota jedhee ta’uu innu raga ofiitti ba’ee jira.
Gochii diinaa nama aarsuu fi namatti dhaga’amuu danda’a. waan diinni nama irratti hojjatu kana garuu yoo murannoon dura hin dhaabbatiin ykn xiiqiin gocha diinaa kana yoo cabsiin, ykn mormii tarkaanfiin wal make fi diina hundee raasuun yoo hin deeggaramiin, gochi diinaa ykn arrabsoo fi tuffiin diinaa itti jabaachaa akka deemuu beeku nu barbaachisa. diinni toftaa kana kan itti fayyadamu, hamileen keenya cabee akka isaan jalatti jilbeeffanuufi. Humni Ummata kaanaaf gumaa ba’uu dhabamee Ummati abdii akka hin qabaanne taasisuufidha. Baatii shanan tokko dura Teedi Afroon miniliik faarfatee jedhamee , mormiin dhalli Oromoo bakka maraa dhageesise kan nama boonsu ture. siidaan miniiliik garuu bakkuma isaa jira. isa booda waa’ee Maastar pilaanii Finfinnee dhufe. Itti aansee warri Amaaraa Ajandaa tokko kaasanii Ilmaan Oromoo bakka jiru sagalee dhageesisan. Abbaan duulaas dhaloota keenya arrabsee, Abbaay tsahaayyees itti fufe. Egaa kana dura dhaabbachuuf sochiilee hedduun taasifamuun gaariidha. Mata dureen kakaase kun fakkeenya ta’uu naaf hubadhaa. Ajandaan kun hundi garuu ofii saganteeffanee , galii isaa keewwannee kan eegallee miti. Ajandaa diinaa kana irratti ibsoonni ni ba’u. dhaadannoon ni jiraata. Kkf. Wanni akkasii daddabalamaa yeroo deemu hamilee nama buusuu danda’a. diinaaf illee sababaa tarkaanfii nu irratti fudhachuuf ta’a. ani hin mormiinaa miti. humna dhaloota keenya guyyaa saafaa Asfaaltii irratti jigisaa jiruuf, furmaati takkichi, tarkaanfii wal fakkaataan yoo deeggarame furmaata argamsiisa jedheen amana. Qabsoon Ummata Oromoo tarkaanfiitti ceesisuuf hundumtuu bakka jirutti yoo hin hojjatiin , rasaasa diinaas ta’ee arrabsoo warra Addaggee kanaa dhaabuu hin dandeenyudha.
Bara Yohaannisi fi Miniiliik dhiifnee , Bara H/Sillaasee fi Dargii illee , Qabsaa’ootaa fi Goota meeqa harka diinaan dhabne ? Bara Maccaa fi Tuulama hundeessuu Goota meeqatu rasaasaa fi fannifamuun ajjeefame. ABOn akka Jaarmiyaatti ega sochii eegalee Gootoota meeqa dhabne ? Qabsaa’oota meeqa Rasaasaan dhabne ? Qabsaa’oota meeqa summiidhaan Fixan ? beektootaa fi dargaggoota qaroo meeqa shira sirnoota saniin dhabne ? ega wayyaaneen dhufees, Gootoota meeqa dhabne ? Ummata keenya meeqatu dhume ? wareegamu Lammiilee keenyaa kana caalaa kan nu yaaddeessuu qabu , wareegamtoota keenya  kana hundaaf GUMAA wal-gitu hin baasiin jiraachuu keenyadha. Tarkaanfiin diinaaf dhaamsa ga’aa qabutti ce’uun barbaachisaadha.
Ayyaana waggaa 40ffaa Hiwaatootaa  staadiyeemii Maqaleetti gaggeeffame irratti Pirazadantiin Naannichaa ifatti kan dubbate, “mirga har’a arganneef, ijoollee keenya kuma 60 ol itti wareegne. Lammiilee keenya kuma 100 oltu qaamaa itti hiri’ate. Kanaaf, sochii amma itti jirru caalaatti jabeessuuf, dhalataan Tigiree hundi bakka jiru diina of irraa faccisuuf akka birmatu waamicha taasifnaa.Angoo dhiigaan Ummati Tigiraayi argate harkaa fuudhuuf sochii gama hundaa nu irratti gaggeeffamaa waanjiruuf bakak jirtanii qabsoo kana boodaaf of qopheessaa , diina kana dura karaa barbaachisu hundaa dhaabbachuuf Hiwahaat qophii ta’uu isin hubachiifnaa ! jedhan . waan Arrabaan nutti dhaadatan hojiin mul’isuuf taa’uu jechuudha. Nuutis akkasuma of qopheessinee Gumaa keenya lakkoofsaan baafachuuf qophaa’uutu furmaata.
Akka walii galaatti , kanan jechuu barbaadu , Qophii walii gala gochaa odoo jirruu , Ajandaan diinaa gidduun dhuftee waan of harkaa qabnu akka nu harkaa hin harcaafnef of eeggannoo haa goonu. Barataan Oromoo yennaa ajjeefamu, barattoonni warra isa ajjeesee fandalalanii akka baratan maaf hayyamna ?waan diina mogolee jalaa fuudhu hojjachu irratti haa xiyyeeffannu. Investarri wayyaanee Oromiyaa keessa hanga km 900 seenee waan barbaadu akka saamu hayyamuun keenya dhaadachuu qondaala isaanii fi ergamtootaaf sababaa hin ta’uu jettuu ? xiqqaa fi guddaa isaanii bakka jiranitti itti haa duullu. Isaan ijoollee nutti guddisaa jiru yaa firaa. Isayyuu dhaloota Afaan keenyaa fi aadaa keenya beeku . kanaaf furmaata walii galaa irratti haa hojjannu. Ajandaan Finifnnee yoo irra deebiin dhufe mormanii hiriira ba’uun qofti ga’aa akka hin taane haa hubannu.Hiwaatoonni bara qabsoo waraana Dargii irra jireessa ajajoota kan fixan magaalaa keessattidha. Addatti Tigiraay keessatti . Hoteela tokko seenee lubbuun hin ba’u.mana namaa ykn ganda tokko seenee nagaan hin ba’u. keessattu shamarran isaaniin kan hojjatan seenaa isaaniitu dubbata ? sochii kanatu dargii hundee isaa raasee buqqise. Abbaay Tsahaayyee sirreessuuf karaan isaa kanumadha. Kanatu isaaf gala waan ta’eef. Dubbiin heddummaateef……..HORAA BULAA !!!!

No comments:

Post a Comment