IMG_20160402_132433IMG_20160402_132835 Yuunversiitii Wallaggaa keessatti diddaan baratootaa daran jabaachuurraan kan ka’e humni kora bittinneessaa guutummaa mooraa kanaa dhuunfatee jira.Baratoonnis diddaa barnootaaf qaban itti fufuuf yeroo yaalanitti mootummaan gabroonfataan Wayyaannee baratoota kana irratti seera haaraa baasuun keessumaa mooraa kana keessatti akkaataa ittiin qabxii barataa gadi bu’ee barataan mooraa kanaa hari,amuuf sagantaa haaraa baasanii baratoota doorsisaa jiraachuutu beekamee jira.
Mooraa kana keessatti diddaan kun baratoota galgalaanis waan jabaateef baratoota kanaaf sagantaan haaraan ba’eefii guyyaa keessaa barnoota isaanii dirqiidhaan akka hordofaniif fedhii isaanii malee humnaanis akka sagantaa ittiin qorumsa haaraa ba’e kennamu hordofanii fudhataniif doorsisamaa jiraachuu maddeen keenya achirraa arganne ifa godhu.