Thursday, April 7, 2016

OPDON Ambaasaaddaroota Nageenyaa Jechuun Dargaggoota 68 Badhaasuuf Jecha Baajeta Birrii Kitila 4 fi Walakkaa Ol Ramadde

OPDO.jpg saamtuuEbla 06,2016) Barattootaa fi dargaggoota Oromoo gaaffii mirgaa karaa nagaa gaafatan waraana itti bobbaasee jumlaan ajjeesaa, qaamaa hir’isaa, guuree hidhaa keessatti itti taphachaa fi biyya irraa baqachiisaa kan jiru mootummaan shororkeessaa wayyaanee, karaa ergamtuu isaa OPDOn dargaggoota naannoo Oromiyaa keessaa kan jedhaniin namoota 68 filanii ambaasaaddaroota nageenyaa jechuun badhaasa kennuufiif akka qopha’aa jiran.
Dargaggoota jedhaman kana kan badhaasu ergamticha wayyaanee Muktaar Kadir kan waraana Agaazii ummata Oromoo dhibbootaan ajjeese galateeffate ta’uunis barameera. Badhaasi jedhame kun kan kennamu walgahii dargaggoota Oromiyaa jedhamu kan gidduu kana Adaamaatti eegaluuf jiru irratti ta’uu maddeen gabaasaniiru. Walii galatti dargaggootni 238 ol ta’an dhimma adda addaa irratti badhaafamu jechuun maddeen dabaluun eeraniiru. Baasii OPDOn konfirensii kanaaf qopheessites kan armaan gadii kana dha.

No comments:

Post a Comment