Monday, April 25, 2016

Yuunibarsiitii Walqixxee irraa barattoonni Oromoo 27 badii malee hidhamanii dararamaa jiru.

Ebla 24,2016
because-i-am-oromoYakka tokko malee barattoonni Yuunibarsiitii Walqixxeerraa hidhamanii jiran 27 haala ulfaataa keessa jiraachuu Qeerroon achii dubbatu.Barattoonni kun gaaffii mirga abbaa biyyummaa waan gaafata niif qofa ragaa sobaa irratti qindeeffachuudhaan kan himataman yoo ta’u baay’ee isaanii Yuunibarsiitichi barnootarraa kan haqee jiru ta’ullee mana barnootaarraas dismissal erga ta’anii mana hiraarsa magaalicha keessatti akka hidhamanii jiraachuu akkasuma hidhaatii gadi lakkisuuf Mirga wabii kan eegsisaniif yoo ta’eellee dhabinsa namaaf osoo gadi hin dhiifaman jiraachuu mirga Wabii qarshii 5000 Kumashan shaniis yoo filannoof dhiyeesanillee baay’inaan barattoonni hidhamanii jiran kanfalachuu dadhabanii kunaanamaa jiru jedha odeessi Qeerroo gahe
Barattoota hidhaman 27 keessaa hedduun kaan abbaaf haadha kan hin qabne kaanis kanneen mana namaa ta’anii baratanii as gahan kaansaanii
hojii guyyaa hojjetaa baratanii as kan gahan ta’ullee carraa isaan mudatte kana qolachuun akkaan itti ulfaatee hiree isaanii dararama
taate kan dhamdhamaa jiru.

No comments:

Post a Comment