Tuesday, April 19, 2016

Qabsoo Bilisumaa Dhugaa Galmaan Gahuuf

Damee Boruu Irraa
Barreessaa dhugaa baasa!Bara 2016 itti” Kallacha Daandi Qabsoo Bilisummaa Dhugaa”mataa durree jedhu Jalatti rakkinni qabsoo bilisumma uummata Oromoo inni duraa dhalootan Oromoota tahanii  Oromoo fi diina uummata Oromoo jidduu warra qubatee jiru akka tahe ibsuu yaalleen ture(Ayyaantuu.net 7/12 ilaaluu dandeessu).  Uummatni Oromoo diina isaa wajjin fuulatti walitti bahuuf Oromoota kana duraan dursee of jalaa daandii qabsoo irraa maqisuu qaba. Har’a akka uummatni Oromoo warra kana karaa irraa qulqulleessaa jiru ifatti argaa jirra. Galatni fi ulfinni bara baraan qeerroo fi qaree Oromoof haa tahu malee dhiiga isaanii akka bishaanii lolaasisnii salphinaa fi qaanii wagaa dhibaa olii keessaa Saba Oromoo  baasanii jiru. Har’aan kana uummatni Oromoo fira isaa,  diina isaa fi halgaa biratti ol aantummaa qaba. Lamuu gad aantumatti  ilaalamutti hin deebi’u. Har’a bilisummaa ykn du’aa jedhee tokkummaan  ka’eera.
Haalli kun tasa kan argame miti. Bara dheeraaf qabsoo bilisummaa dhiiga ilmaan Oromoon sooramee guddatee as gahee dha. Har’as dhiigni amma kana hin jinne itti lolaafamaa jira.Wareegamni qaalii baasaa jiru qabsoo bilisummaa kana gabsee galma isaa mirkaneesa malee kan gara duubaa nu deebisu miti. Yaroo kana keessa  namni Oromummaa isaa beeku bakka jiru maratti kan qabsoo kanaaf hin gummaachine jira jechuun hin ulfaata.Qabsoo Bilisumaa dhugaa Galmaan Gahuu

No comments:

Post a Comment