Tuesday, April 5, 2016

Godina Iluutti FXG Jabaatee Itti Fufe Godinaalee Garagaraattis Waraqaan Warraaqsaa Bittimfamuun Itti Fufe!‏

Ebla 5,2016
stGodina Iluu Abbaa Booraa magaalota fi aanaale garagaratti ji’oota tokko ol kan eegale baadiyaa fi magaala keessa wal gahuudhaan itti fufee jiraachuu Qeerroon yeroodhaa yerootti kan gabaasee jiruudha. Manneen barnootaa kanenen akka sadarkaa 2ffaa Abdi Boruu fi Mattuu akkasuma sadarkaa 1ffaa Nikolaas barumsi dhaabbatee FXG itti fufuu har’a s Qeerroon gabaasee jira.
akkasuma barattootni mana barumsaa Beddelleess FXG har’a itti fufanii akka jiran Qeerroon gabaasaa jira. Guutummaatti godina Iluu A/booraa aanaalee hedduutti FXG uummataan jabaatee kan itti fufee jiruudha. Sirbootni qabsoo fi dhaadannoon Qeerroo halkani guyyaa osoo wal irraa hin cinnee torban sadii oliif kunoo ittuma fufeetu jira.
Kana malees barattootni mana barumsaa Baddeellee daandii cufuudhaan yeroodhaa yerootti yeroo dinni karaa banuuf dhufu lola dhagaatiin uummata waliin saroota wayyaanee irratti banuun jabina isaanii mirkaneessaa jiru. Mana barumsa Baddalleetti waraanni wayyaanee Agaziin gaazii imimmeessaa barattoota irratti fayadamuun barattootni 5n sammuu isaanii kan dhabanii yeroo ammaa Hospitaala jiran guyyoota muraasa dura kun kan barattoota irratti raawwate yoommuu tahu uummannis dheekkamuun bulchiinsa magaalaa irratti tarkaanfii fudhatee jira.

No comments:

Post a Comment