Monday, April 4, 2016

Barsiisota,Daldaltootaa fi Jiraattota Oromoo Godina Wallaggaa Aanaa Giddaa Ayyaanaa Keessaa Hoomaa Loltoota Wayyaanee Naannicha Weerareen Dararamaa Jiraachuu Qeerroon Gabaase.

Ebla 3,2016 Fincila xumura gabrummaa aanaa Giddaa Ayyaanaatti belbelaa tureef sababi guddaan isini jechuun barsiisota, hojjetoota mootummaa, daldaltootaa fi barattoota rasaasaan qeeraa turan itti xinnaannaan ammammoo kanneen irraa hafatan gara dabarsuutti jiru.
 
Torban darbe dura kanneen armaan gadii kana of keessaa dhabneerra jedhu.
1. Mitikkuu Kabbadaa—– barsiisaa seenaa (history) , sabboonaa ummata biratti akka warqeetti ilaalamu
2. Tafarraa Margaa—-daldalaa fi uffata kan hodhu
3. Gammachuu Wiirtuu—-barsiisaa civics
4. Mootii Qana’aa—-barsiisaa Geography kan filannoo bara 2010 tti paartii madrek bakka bu’ee filamee mo’atee boodarra shira wayyaaneen jalaa haqame
5. Margaa Jogoraa—–daldalaa fi sabboonummaa fi gootummaan naannoo Giddaatti kan beekamuu fi kanneen biroo barattoota dabalatee erga dhi’oo asii of keessaa dhabneerra jedhu ummati Giddaa Ayyaanaa.
 
Kanneen keessaa Tafarraa Margaa Maa’ekelaawwii akka jiru kan barame yoo tahu kanneen biroo eessa akka geeffaman hin baramne jedhu. Dhumarrattis Qabsoo jalqabne otuu adda hin kutiin haa finiinsinuun dhaamsa Qeerroo Giddaa Ayyaanaati

No comments:

Post a Comment