Friday, April 29, 2016

Wayyaaneen Ergamtoota Bobbaafte!


Baarentuu Gadaa Irraa

13010651_860842024061903_7154573325600453420_nDhugaadhaaf, 
bilisummaaf, wal qixxummaa fi mirga abbaa biyyummaa ofitiif dhaabbannaan hidhaman ni hiikkatu, madaahan ni fayyu, du’anis ni galu. Dhugaan injifataadha. Inni dhugaa qabatee qabsaawe, inni walqixxummaaf wareegame, inni mirga abbaa biyyummaaf dararame yoomiyyuu taanaan kufee hin hafu.
Ummanni Oromoo dhugaaf dhaabbate; walqixummaaf qabsaawaa jira; mirga abbaa biyyummaa isaaf wareegamaa ture, wareegamaas jira. Ummati tokko sababa ta’een harka diinaatti kufuu danada’a. Diina isa weeraree saamaa fi ajjeesaa jiruunis akka gadootti ilaalamee salphifamuu fi moggeeffamuu danda’a. Hidhamuu, ajjeefamuu fi dararamuu akkasuma qayee fi qabeenya isaa irraayis buqqifamuu mala. Cubbuu fi daba kana hunda dhugaatu moohata.
Kan Wayyaaneedhaan waggoottan 25 darbaniif ummata Oromoorratti raawwatamaa turee fi jirus kanuma. Wayyaaneen nujjeesaa turteetti, nujjeesaas jirti. Waggoottan 25 darbaniif ilmaan Oromoo kumaa-kitila fixeetti, har’as lafarraa duguuguutti jirti. Lammiin Oromoo mana hidhaatti dararamaa jirus lakkoofsi isaa ammanaan hin beekamu.
Walumaa galatti Wayyaaneen Saamichi fi biyya abbaa keenyaarraa nu godaansisuun baroota darbaniif nurratti gaggeessaa baate ammas dheeraffachuuf tattaafataa jirti.
Dhugaan dhugaadha! “Dhugaan ni qallatti malee hin cittu” akkuma jedhamu san ummanni Oromoo dhugaa qabatee, dhugaaf waan qabsaawaa jiruuf ajjeefamus, hidhamus, saamamus dararamus qabsoo hin dhifne.
Qabsoon isaa guddataaa fi bal’ataa akkasumas diinarras aanaa fuulduratti deemaatuma jira. Irree fi gaachanni saba Oromoo WBOn, goototni dhaloonni haaraan Qeerroon biyya keessatti akkasumas sabboontonni Oromoo biyyaa godaansifamanis bakka jiranitti qabsoo haqaa finiinsaa jiru. Qawweefis ta’e holola diinaatif osoo gurra hin kenniin bilisummaaf lolaa jiru. Kun boonsaadha!
Ummanni Oromoo bara bittaa Wayyaanee keessas haata’u sanaan dura takkaa diinaaf tole jedhee bulee hin beeku. Gootni tokko dhugaaf dhaabbatee mirga isaaf odoo falmuu yoo kufu, dhalootni hafe itti darbee irraa fuudhee finiinsuun kunoo sadarkaa murteessaa yeroo amma irra jiru kanarra geenyeerra. uundurattis ummati Oromoo, ummati dhugaaf dhaabbate kun, ummanni mirgaa fi bilisummaa isaaf dhaabbate ilmaan isaa muratoo fi cichoo faana ta’ee qabsoo isaa finiinsuun murna Wayyaanee; murna isa ajjeesaa fi saamaa jirtu hundeen buqqisee akka ofirraa gatu shakiin hin jiru.
Hanga harra afaan qawweetiin ukkaafamnee akka sabaatti harka Wayyaaneetti manakaraaraa jirra, saamamaas jirra, biyyaayis godaansifamaa jirra. Ammaan achi garuu jireenyi akkanaa, barri bittaa Wayyaanee umrii dheeraa hin qabu. Qabaachus hin qabu; qabaachus hin danda’u.
Harra ummanni Oromoo alaa-manatti qabsoo isaatin fuunduratti tarkaanfachaa jira, gabrummaatti xumura gochuuf diina isa saamaa turtee fi jirtu ofirraa lolataa jira. Qawwees, holola diinaas irra tarkaanfatee tokkummaa isaa jabeefachuun lolli inni gaggeessaa jiru fira boonsee diina raasee jira. Ammaan achis holollis ta’e, qawween diinaa qabsoo Oromoo gufachiisuu hin danda’u. Sochiin kun cimee itti fufnaan ammoo Oromoon biyya isaa Oromiyaa dhihootti bilisa baasuundhugaa hin hafneedha.
Wayyaaneen waggoottan 25 darbaniif ummata Oromoorratti ajjeechaa, hidhaa, dararaa akkasumas holola adda addaa gaggeessaa turteetti.Biyyoota Lixaa fi Bahaa tokko tokko jala deemunis dhugaa biyya keessa jiru dhoksuuf yaalaa turteetti. Kun harra akkuma “Duumeecha Sadaasaa” jedhan san harkaa facahee jira. Bakka hundattuu dhugaan Oromoo calaqqisaa, sobni Wayyaanee ifaa bahaa dhufeera. Akka yaadde Oromoo alaa-manatti qooduu hin dandeenye. Akkuma muldhachaa jiru Oromoon kan yeroo kamiituu caalaa alaa-manatti tokko ta’ee hadheeffatee Wayyaaneen lolaa jira. Wayyaanee waliin “nama Gumaa” ta’uu qabsoo isaatin mirkaneessaa jira.
Yeroo ammaa kana WBOn, Qeerroon Oromoo walumaa galatti ummanni Oromoo Oromiyaa keessatti Wayyaanee fi ergamtoota ishii rukutaa, qabeenya ishii barbadeessaa jira. Waltajjii hololaa diinni qopheeffate mara lagachuun akeeka wayyaanee fi lukkeelee hoongeessaa mootummaa gabroomfataa dhiphisaa jira.
Haaluma wal fakkaatuun hawaasni Oromoo biyyoota garagaraa keessa jiraatus qabsoo Oromoo finiinaa jiru kana; caalaatti jabeessuuf qabeenya, beekumsaa fi humna isaatin tumsa walirraa hin cinne taasisaa jira. Sabboontoonni Oromoo biyyoota alaa jiran kunneen qabeenyaan hidhannoo WBO cimsuu fi sochii qeerroo jabeessuu cinaatti, hiriira walirraa hin cinne bahuun Wayyaanee balaaleeffachuu fi saaxiluun gama Dippiloomaasitiinis injifannoolee gurguddoo galmeessisaa jiru. Kan darbe seenaaf dhiifnee tarkaanfidhuma dhiheenya kana Gamtaan Awurooppaa fi miseensoonni Kongirasii fi Seeneetii Ameerikaa Wayyaaneerratti fudhatan yoo kaafnee ilaalle qabsoon hawaasa Oromoo biyya alaa ammam bilchaataa fi cimaa akka deeme ifatti mirkaneessa.
Wayyaaneen harra biyya keessatti qofaa osoo hin ta’in qabsoo hawaasni Oromoo biyya alaa jiraatu taasisee fi taasisaa jiruun biyyoota ishii gargaaraa turan biratti bullukkoo qaanii haguuggataa jirti. Dharri ishiin hololaa baate harkaa facahee salphachaa jirti.
Biyyoonni baayyeen shiraa fi yakka Wayyaanee hubachuun tarkaanfii mataa isaanii fudhachaa jiru. Walumaagalatti Oromoon qabsoo biyya keessaa fi alatti gaggeessaa jiruun hidhannoonis ta’ee gama dipiloomaasitiin injifataa ta’eera. Kun cimee itti fufuu qaba.
Qabsoo ummanni Oromoo biyya keessaa fi alatti taasisaa jiruu fi injifannoolee galmeessaa jiru kanaan kan baaragde Wayyaaneen tibba kana toftaa dulloomaa tokko qabattee gara biyyoota Awuroopaa fi Ameerikaatti ergamtoota bobbaasaa jiraachuun dhagahameera. Kasaaraa gama dipiloomaasitiin irra gahe kana yoo dandeeche dachaasuuf wixxirfachaa jirti. Akka odeessa dhagahamaa jiru kanaatti sochii ummata Oromoo biyya keessaa fi ala jiruun kan dhiphuu hamaa keessa seente Wayyaaneen ergamtoota hedduu bobbaasuun Oromoo garaaf bule yoo argatte sossobachuuf, akkasumas maqaa ABO akkuma barte xureessuun warreen Lixaa dhugaa Oromoon qabu hubatan micciirrachuuf tattaafachaa jirti. Akkuma “Gadi daakanii dadhaban ol daaku.” jedhamu san tarii oolee bulinnaa laataaf yoo ta’e malee bobbaan ergama farrummaa qondaalota wayyaanee kun kan milkaawu akka hin taane eenyufuu ifaadha.
Hawaasi Oromoo biyya alaa jiru yoo lammiin isaa inni biyya jiru madaahu, waliin madaahaa ture, yoo du’u waliin du’aa, yoo hidhamu waliin hidhamaa ture ammas borus akkasuma. Wayyaanee fi ergamtoota sirnichaaf hin galin ta’a malee Oromoon biyya alaa jiru Oromoodhuma garboonfattootaan biyyaa baqachiifame dha. Inni biyya keessaa hidhamaa fi du’aa jirus ta’e inni ala jiru tokkuma. Saba hololli diinaa adda baasuu miti. Baasees hin beeku, baasuus hin danada’u.
Oromoon biyya jiru Wayyaanee jibbeera, xireeffateera, Allis kanuma.
Wayyaaneen Kana hubachu dhabuun qondaalota ishii amanamoodha jettee fi dabballoota garaaf bulan filtee bobbaaftus ergamni isaanii hin milkaawu.
Hawaasni Oromoo biyya kamuu keessa jiraatu holola Wayyaaneef gurra akka hin qabne dalagaadhaan agarsiisaa ture, agarsiisaas jira. Oromoon biyya alaa jiru ergamtoonni akkasii yoo isa mudates akkuma kana durii salphisee, xiqqeesse ofirraa hariyuu qaba. Warra Gumaa, warra dhiiga ilmaan Oromoo kumaa kitilaa dhangalaase waliin gongumaa haasawuu hin qabu. Bakka ergamtoonni kun dhaqan marattis dura goruun qaanessuu, dhiphisuu qaba. Eenyummaa isaanii fi waan isaan deemaniifis dipiloomaatotaa fi mootummoota biyya jiranitti hubachiisuun shira Wayyaanee saaxiluun dubbii fardiidha. Hawaasi Oromoo biyya alaa jiraatu qabeenya, beekumsaa fi humna isaa itti wareeguun injifannoo galmeessise, olaantummaa dippiloomaasii wayyaaneerratti gonfachaa jiru eeggachuu qaba.
Kanaafuu Ummanni Oromoo keessaa-alaan injifannoolee hanga ammaatti qabsoo isaatin gonfate tikfataa, holola diigumsaa QBO fi dhaaba qabsoo kana gaggeessu ABOrratti,akkasumas sochii warraaqsa Xumura gabrummaa gaggeeffamaa jirurratti aggaammattee Wayyaaneen karaa ergamtoota alatti bobbaafattee gaggeessaa jirtu jabinaan dura dhaabbachuun dubbii fardii dha.
Hundi keenya harka walqabannee ergamtootaa diinaa olii gadi deemuun bara bittaa gabrummaa Oromoorratti dheeressuuf dhamahaa jiran kana salphisuu fi tasgabbii dhoorkuu qabna.
Nuti Dhugaaf dhaabbane, dhugaaf qabsaawaa jirra, walqixummaa fi mirga abbaa biyyummaa Oromoof du’aa fi dararamaa jirra waan ta’eef; madoofnus ni fayyina, hidhamnus ni hikkamana, duunus ni alla, hiyyoomnus ni duroomna. Waan ta’eefis hidhaa ajjeechaa fi dararaa kamiifuu osoo duubatti hin jedhin alaa manatti qabsoo keenya gama hundaanuu finiinsinee injifannoolee hafan haa gonfannuun xumura dubbiiti!
~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~
29/04/2016
Baarentuu Gadaa irraa

No comments:

Post a Comment