Sunday, April 3, 2016

#‎OromoProtests‬ 3/4/2016 guyyaa arraa qeerroon xixiqqoon lixa harargee magaalaa baddeeysaa oromiyaan teenya!!! tigree nun bulchitu jachuun hiriira gaggeeysaa oolan


12794605_827811387362639_4483552841231531446_n

#‎OromoProtests‬ Lixa wallaggaa aanaa Baabboo Gambèel keessaa namooti baayyeen hidhamaa jiru.Hidhaa kanaaf shira guddaa kan xabachaa jiran
1.Fiqruu Bakaree fi
2. Poolisii sajiin Hiikaa jedhaman ta’uu isaa bira gaa’ameera. Kana nammi beekee akka irraa of eeggatu eergaan sabboonaa tokkoo irraa na gahe ni ibsa.
Keessumaa namni Fiqruu jedhamu kun naannoo bufata autobusii Baabbootii mana nyaataa qaba waan ta’eef nama Beegii fi naannoo sanaa karaa Baabboorra darbuu baayye qabsiisaa jira.
Dhaamsi lammaffaan ijoollèma naannoosanaa qabaman keessa nammi sadii gaafa March 30 halkan sa’atii 9:00 irratti maa’ kalaawwii keessaa fudhamanii bakki isaan itti geeffaman hinbaramne maqaan isaanii
1.Daanyee Sobbooqaa
2. Iyyaasuu Kaasahuun jedhamu inni sadaffaa maqaan isaa ammaaf hin baramne.


Ebla 1 .4 2016 (oromiapress) woyyaanee fi Finfinnee
oduu amma madda woyyaaneetti dhihoorraa nugaheen mootummaan woyyaanee waa’ee finfinneerratti maryataa jira. Dh.D.U.Onis maricharratti hirmaateera. muumicha ministeeraa Hayilamaaram dabalatee Abbaay Tsaahayees marii keessa jira. yaadni dhiyaataa jirus ummanni oromoo itti xiyyeeffatee waa’ee finfinnee falmaa jira. finfinneen garuu kan oromiyaa qofa osoo hintaane kan guutuu etiyoophiyaati. kanaafuu sagalee ummata jiraataa magaalaa finfinneetiin murteessinee achirratti hundaa’uudhaan yoo jiraattonni magaalaa finfinnee akka magaalattiin oromiyaa jalatti bultu hinbarbaanne oromiyaa jalaa baatee ofiif akka ofbulchitu naannoo of dandahe goona. sana booda mormiin jiruuf oromoon bu’aa finfinneerra seeraan argachuu qaba jedhanii paartileen siyaasaa olola geggeessaa jiran jalaa salphaatti miliquu dandeenya yaada jedhamu kaasaa jiru. dabalataanis paartiileen gariin afaaniin baasanii dubbachuu dhiisanus ummata gara etiyoophiyaarraa fottoqiinsa oromiyaatti waamaa jiru. kanaafis kan sababa tahe magaalaa keenya finfinnee fudhannee fottoqna jechuu isaaniiti. Oromiyaan guutuuf guutuutti finfinneerratti olaantummaa argannaan kun biyya keenyaaf rakkoo guddaadha. fuulduratti biyyi etiyoophiyaa jedhamtu kun gara oromiyaatti jijjiiramuuf deemti jechuun yaada kaasanus mormiin cimaan isaan mudatuun wolgahii isaanii kan iccitii kana beellama biraatiif akka hojii manaatti fudhatanii gargar yaahaniiru.
Ummanni Oromoo dammaqi! Ituu ati jirtii dachee keetiif qabeenya keerratti eenyullee siif hinmurteessu!
kan itti maryatamu maali?
kan mariyatu eenyu?
share godhaa wwoliif

Godina Jimmaa Aanaa Omoon Naaddaa Keessatti Hojetaa Mootummaan ABO Waliin Hojjetta Sababa Jedhuun Dararaa Jiru
Ebla 3,2026
images1112Hojjetoota Mootummaa sektaroota garaagaraarra jiran kan Godina Jimmaa Aanaa Omoon Naaddaatin hojjetan hojirraa ari’uuf akkasuma yeroo gara yerootti beeksisa garagaraa irratti baasuun Aanaa kana keessatti dubbbiin kan unutti kaatu yoo ta’e jalqabarratti namoota qabamuu qaban jechuun Hojjetoota baay’inaan 49 Ta’an irratti Maqaa baasuun Godinaaf dabarsanii akka jiran Walii isaanii gidduutii icciitiin baatee nii addeessa
Kunneenis Hojjettoota mana Murtii,Hojjettoota Buufata Fayyaa,Hojjettoota Maamadaa,Hojjettoota Galii,Hojjettoota IMX,Hojjettoota Waldaa Gamtaa,Barsiisota yoo ta’an yakka tokkoon alatti too haawwasi asii nutti dammaqe jarreen kan a dammaqsa sababa jedhuun hojirraa ari’uuf adaba itti heddumessuun rakkisaa jiran.akkasuma kaan isaanii hojii dhaabanii Aanaa sana gadi lakkisanii deemaa jiraachuu dubbatamaa jira
Kanneen haalli bulchiinsichaaf hojiin inni ittiin eebbifameef dalagaan isaan ajajan liqimfamuufii dide hojii lakkisanii deeman keessa Charinat Gaaddisa isa tokko yoo ta’u haalli achitti taasifama jiruu akkasuma ganamaa galgala security eegumsi yoo itti heddummatu hojii lakkise ba’eera.




No comments:

Post a Comment