Sunday, April 17, 2016

Baha Wallaggaa Magaalaa Qassootti Fincilli Xumura Garbummaa Fininee jira

Ebla 17,2016
Mirga abbaa biyyummaa deebifachuf Daran sochiin uummati taasisaa jiru bakkeewwan hedduutti finiinfamaa jiraachuu odeessi Qeerroo tibbanaa nii ifoomsa Haaluma kanaan Magaalaa Qassoo keessatti jala bultii yaadannoo Gootota wareegamanii gummacha gootonni keenya Shinigaatti kaffalan yaadachuuf jala bultiirraa kaasee magaalattii keessatti mandheen Qanaa’aa Janaa bifa gaariin yaadate ooleera.guyya kana dursuun sochiin magaalattii keessatti barattootaan eebila 13,2016 irraa egalee dhohe hanga haraatti itti fufee jira.Guyyaa sanas dhaadannoof Kakuu
gurguddaan barattoonni mana Barumsaa Qassoo sadarkaa 2ffaa fi 2ffaa akkasuma hawwasni magaalattiif naannooshee kan eegalan yoo ta’u
sirboonni warraaqsas gaafas guutummaa magaalattii hanga sochoosuuf ka’utti Gobii Lamaan wallifamaa turuu qeerroon achii dubbata,barattoonnis hanga har’atti mana barumsaa addaan kutanii akka jiran dubbatamaa jira.Kunis murna bichuu waayyaaneef ergamtushee OPDO sodaaf rifaatuu guddaa keessa galchun hidhaatti fulleefachaa jiraachuu Qeerroon achii gabasaa isaan ifoomsa.Barataan Nagaasaa Beekumaa Qabamee bakki geeffames wal’alamee jiraachuu,Barataa kana erga sochiin magaalaa sanaa eegalee adamoo guddaa keessa turuusaa akkasumas yeroo gara yerootti dararamaa erga turee qabamee amma argansaa dhabamee jirachuun ittuu sochiin magaalattii Uummataan makatee daran akka hin dhabbanne taasisaa jiraachuu dhaga’amaa jira

No comments:

Post a Comment