Tuesday, April 12, 2016

Ebla 11-12/2016 Warraaqsii Biyyoolessaa Oromiyaa FXG Marsaa 5ffaa Gootota Barattoota Oromoo Yuunibarsiitii Amboo fi Gootota Uummata Oromoo Magaalaa fi Baadiyyaalee Amboon Daran Jabaachuun Itti Fufee Diina Boqonnaa Dhorkate Jira!!

13012826_1592425281073513_8432426524432247938_nWarraaqsii biyyoolessaa Oromiyaa bifa ijaaramee fi Qaroomina ammayyaa gonfateen Ebla 11/204 gootota Qeerroo dargaggoota barattoota Oromoo dhaabbilee barnoota olaanoon kan qabsiifame daran jabaachuun mootummaa wayyaanee milla tokkon kan dhaabe, sadarkaa haar’a qabasoon Oromoo irra ga’ee jiruu irraan ga’uun guyyaa kaleessa Ebla 11/2016 irraa eegaluun goototni Qeerroon barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Amboo Damee Awwaaroo guutummaa isaanii diinatti argisiisuun Warraaqsaa FXG Gabrummaa ifaan ifatti qabsiisuun dhaadannoo dhageessisan guyyaa har’aan Gutummaa Magaalaa Amboo fi baadiyaalee amboo keessatti illee Warraaqsii biyyoolessa Oromiyaa FXG daran jabaatee itti fufe jira. Goototni Qeerroon barattootni oromoo Yuunibarsiitii Amboo dhaadanoolee jajjaboo dhageesisuun diina rifaasasa jiru,
  1. Dhabni ergamtuu mootummaa nama nyaataa wayyaanee OPDOn kan uummata Oromoo ficiisiiftee waan ta’eef oromiyaa keessa socho’uu hin qabdu Oromiyaa gadhiistee bahuu qabdi!!
  2. Nuti waraanaan hin bullu , Waraanni Wayyaanee Oromiyaa gadhiisuu qaba!!,
  3. Mootummaan abbaa irree wayyaanee EPRDF/TPLF/OPDOn aangoo gadhiisuu qaba!!
  4. Mirgi abbaa biyyummaa keenyaa nuuf haa kabajamu!!
  5. Mirgi dimookiraasii fi namuummaa nuuf haa kabajamuu
  6.  Ilmaan Oromoo hidhamaan hatattamaan haa hiikaaman!!
  7.   Mootummaan wayyaanee Ilmaan Oromoo 750 ol lubbuun balleesseef seeraatti dhiyaachuu qaba!!
  8. Ilmaan Oromoo dhiyeenyaa 7500 ol Mooraa waraanaa Xoollayitti hidhamaniif Mootummaan wayyaanee itta gaafatamaadha,
  9. Dhaabbileen Mirga namummaa hidhamtoota oromoo qaqqabuu qaba!! Jechuun sagalee jabaa dhageesisuun Warraaqsii Marsaa 5ffaa daran jabaatee itti fufe, waraanni wayyaanee Hedduminaan Magaalaa amboo irra qubatee jiruu waan qabee gadhiisu dhabee uummataa gooluu qofarratti argama!!

No comments:

Post a Comment