Friday, June 14, 2013

Gaaffiin Mirga Sabaa Barattoota Oromoo Yuuniversitii Jimmaa Kaasan Daran Jabaate




Waxabajjii 14,2013 Jimmaa
OromiaALutaContinua2011FDGWaxabajjii 14/2013 Gototni Baratootni Oromoo Yuunivarsiitii Jimmaa Sagalee FDG jabeessuun dhageesisa olan. Sochiin warraaqsaa diddaa garbummaa qeerroon Oromiyaa Yuunivarsiitii Jimmaa keessaatti gaggeeffaama jiru daran jabaachuun mootummaa abba irree boqonnaa dhorkate jira. Godina Jimmaa Yuunivarsiitii Jimmaatti goototni Qeerroon baratotni Oromoo yuunivarsiitii Jimmaa yeroo irraa gara yerootti FDG fi mormii sirna wayyaaneef qaban jabeessuun itti fufuun Waxabajjii 12/2014 irraa eegaluun gaffii isaanii gaaffii mirgaa fi dimookiraasii karaa nagaa fi FDG gaggeessuun dhageessifachuuf bulchiinsa mooraa Yuunivarsiitii Jimmaatti dhiyeeffaatan.
Saboontotni Oromoo filannoo presidentummaa baratootaa Yuunivarsiitii Jimmaa ilaalchisuun kan OPDO’n beekamtii keenyaa malee dubarraan dabbaallee fi basaastuu nurraatti filaa jirtuu nuti baratootni Oromoo hin fudhannu. basaastuu fi ergamtuun diinaa bakkaa nu bu’uu hin dandeessu. ifaan ifatti dimookiraasii kallattii (direct democracy)’n nuf eeyyamamee baratootaa Oromoo dandeetii fi Cimina qabdu bakka ni buufanna malee utuu nuti hin filatiin OPDO’n Mooraa Yuunivarsiitiin alatti dabbaallee filamee jiruu sagalee guddaan balaleeffaatan. bulchiinsi mooraas atattaamaan furmataa akka kennuu ni gaafanna.Jechuun gaaffii isaanii itti fufaan.
Gaamaa biraan Waanjoon garbummaa nutti ulfatee jira, kanaan boodaa garbummaa baannee taa’uun nu ga’aa, mootummaan abbaa irree gaaffii mirgaa abbaa biyyuummaa fi dimookiraasii uummaannii keenya yeroo yeroon biyyaa keessaa fi biyyaa ambaatti gaafachaa jiru deebii argachuu qaba, hidhamtootni Oromoo hiikamuu qabu. waranaanan uummataa keenyaa doorsisuu fi hidhaan, ajjeechaan nurraa dhaabbachuu qaba.
Nutis tokkummaa keenyaa cimsachuun gaaffii mirga abbaa biyyuummaa keessaa fi alatti gaggeeffaama jiruu jabeessuun itti fufuu irraa duubatti hin deebinu jechuun guyyaa har’aa FDG mooraa Yuunivarsiitii Jimmaa keessaatti walitti dhufuun gaaffii isanii karaa nagaa fi dimookiraasii ta’een president baratootaa Jimmaatti dhiyeeffaatan .
Presedentiin baratootaa Jimmaa barataa Dawuuti Geetachoo Wayyaanotaan doorsiifamaa kan ture, har’a akeekkachiisaa fi dorsiisaa isa irraa ga’ee jiruu sodaachuun baratoota Oromoo sossobuuf yaalus baratootni Oromoo gaaffii isaanii lafa waraanaa Wayyaanee fi humnota tikaa Wayyaaneen marfamanii utuu jirani itti fufan. kanan boodaa hidhaa du’a, fi dararaa sodannee garbummaa baannee hin teenyu jechuun baratootni Oromoo Yuunivarsiitii Jimmaa sagalee diddaa garbummaa (FDG) dhageesisuu itti fufaan. gaaffii mirga kabajamuu uummataa Oromoo fi sarbamuu mirga abbaa biyyuummaa Oromoof yeroof nu hin ilaallaatu jechuun harkatti didduuf yaalanis qeerroon Oromoo qaama dhimmii isaa ilaaluu nuf waamaa jechuun dura dhaabbatan.
hub: sagaleen attachment gabaasa kana waliin jiruu gaaffii baratootaa Orommoo fi kan president baratoota Yuunivarsiiti Jimmaa ti.

No comments:

Post a Comment