Monday, June 24, 2013

MANNI GOGAA HARREEN IJAARAME, GAAFA WARAABEESSI YUUSU DIIGAMA !!

Y.G(2005) Kutaa 3ffaa | Waxabajii 24, 2013
Bara 1991 ABOn chaartara keessa wayita turetti ayyaanoota yk wal ga’iilee inni gaggeessee fi qopheesse keessaa wayyaanee akka malee kan rifaasise, Ayyaana ODAA BULTUMII FI HIRIIRA FINFINNEE ta’uu keessa beektoonni ni dubbatu. Seenaa yeroosii keessaa barruu har’af seensa kan taasifadhu haasaa Maanguddoo tokko ta’a. akkas jedhan. “Oromoon bilisoomuuf waa takka qofaatu hafaaf” jedhan. Innis, “TOKKUMMAADHAA” jedhan. Hari’inni waggaa 22 dura maanguddoo kanatti mul’ate haqa ta’uu isaa har’a irra dhaabbannee dhugaa ba’ufii dandeenya. Har’as kan nu hidhee jiru kanuma. Hojiin gama kanaan nu eeggatu salphaa hin ta’u.
Manni gogaa harree irraa ijaarame, heedduun , gaafa waraabeessi yuusu diigameera. Waggoota 40n dabaraniif kan dhageenye fi argine kanadha. Manni gogaa harree irraa hin ijaaramiin waraabeessi yuusaa oolee bulu hin diigamiin jira. Yoo waan kaleessaa irraa barachuu dadhabnee, diigamuun itti fufa . yoo waan dabre irraa barannee, manni , waan irraa ijaaramu danda’u akka gaaritti yoo hubannee , mana bara baraa ijaarrachuutti ceena jechuudha. Seenaan waan nu mirkaneessus kanuma. Ega dhala namaa taanee umama hunda irraa adda taanee ammo kana qalbifachuun dansaadha. Manni sirriitti hin ijaaramiin bakka hedduu diigamee , gama mana utubaan dhaabbatee jirutti cillaaffachaa jiraachuun haqa argaa jirrudha. Kan isaaf hin galiin ammoo , mana gogaa harreen ijaaruu qofa odoo hin taane, mana cirracha irratti ijaarrachuutti ce’aa jiraachuun nama raja. Qabsoon Oromoo kana booda waan isaaf hin taane, ifatti ummata waliin balaaleffatee kan karaa irraa dabe qajeelchutti ce’uu qaba . qabsoon gadi dhaabbatus kana irratti utubamu isa barbaachisa.
Yeroo sochiin akkasii lafa qabachaa jirutti ammoo , waan kaleessaa kaasanii akka irra hin deebi’amne, yk waan gadi dhaabamaa jiru akka deebi’ee hin jigneef, irraa wal gorfachuun hedduu barbaachisaadha. Qabsoo keenya baraarree , bakka dhaabbannu tolfannee diinatti jabiinaan fulleeffachuuf yaaduun waan jabaadha. Kana irraa garuu amma tokko duubatti deebinaan waan keessaa ba’uu hin dandeenye seenuudha. Kanaaf waan keessa dabarree keessaa , waan deebi’ee nu keessatti tasumaa mul’achuu hin qabne kaasee, hegaree keenya ijaaruu keessatti sadarkaa dhunfaa kaafnee waan raawwachuu qabnu waliif keenye barruu keenya goolabna . Qabxiilee kutaa lamaan kaasee :
=WAAN FOOYYEEFFACHUUN NU IRRAA EEGAMU:-
1. FEDHII UMMATAA GADI FAGEESSANII BEEKU :
2. ABOn, KUDHAAMA UMMATA OROMOOTI !
3.ILAALCHAAN ADDA TA’UUN, OROMUMMAAN ADDA TA’UU MITI !
4.TOKKUMMAA HOJIIN ARGISIISUU:
5 .MATA DUREE ADDUNYAAN NU UMTUUN WAL TAKAALUU DHAABUU :
Kutaa 3ffaa
6.MOORAA QABSOO OROMOO TIKISUU:
Mooraa qabsoo Oromoo tikisuu jechuun, Siyaasa Oromoo keessatti gaggeeffamu maraa tikisuu jechuudha. Yoo nuuti dhamma keenyaaf hin dhaabbannee, halgaan nu dhaabbachuu hin danda’u. Bilisummaan Ummatoota addunyaa irra jireessa kan galma ga’ee, kan Bilsiummaa sana barbaadu hundi, dhimma isaa ilaalchisee Siyaasa gama hundaa gaggeeffamuuf of eeggannoo taasisuun ta’uun shakkii hin qabu. Iccitti, rakkoo , miidhama kkf (keessa keenyaa haala qaanfachisaadhaan) waan addunyaatti lallabannuf tokkollee hin qabnu. Har’a namoota hedduu sammuun ligidaa’ee irraa  dhaga’aa jirru hedduu qaanfachiisaadha. Obbolee isaa fala kan hin gaafatiin, halgaa qaarriiffaa biro nu qarachaa jiru waliin marii yennaa gaggeessan, tarsiimoo siyaasaa waliin baafanna yennaa jedhan dhaga’uun hedduu qaanfachiisaa dha. Bu’aa bubutuuf jennee hammeenya walii warra nu ciisanii hin bullee, keessattu, warra guyyaa nu waliin mari’achaa oolee galgala nu irratti shira xsxaa bulu waliin xeebaa ooluun hanga har’atti kan nu argamsiise yoo jiraate, maqaa tuffii nu laatamte sanaan har’as waamamuu qofaadha.
Kanaan ala , eessayyuu teenyu, eessallee dhaqnu dhimmi keenya , ajandaa shaayee fi bunaa ykn, Kaappuchunoo fi wiski ta’uu hin qabu. Kana gama hundaan yoo ilaallee waan hojiin hin mul’anneen wal nuffisiisuu fida. Keessa keenyallee saaxila. Miidhaan nu irra ga’aa jiru, dhugumatti nama keessa kan nu teesisu iyyuu miti. Yoo dhugaan nutti dhaga’amaa yoo ta’ee, dhiigi ilmaan Oromoo biyya keessaa dhangala’aa jiru yoo qalbii nu mo’a ta’e, dhimma keenya dhimma amma wal arganitti kan waliin dubbatan odoo hin taane, amma waliin du’anitti ta’uu qaba ture . kanaaf aadaa gara laafessummaa keenya dhaabuun barbaachisaadha. Sabni hin xiiqaffannee eessallee hin ga’u. mooraa keenya tikisuu jechuun waan keenya hundaa keessa keenyatti qabannee waan barbaannee raawwaachuu irratti muuxeffachuu nu barbaachisa. Har’a firri fi diinni ykn Oromoo fi halgaa adda baasuu dadhabaa jirra waan ta’eef.
Oromoon garaan isaa qulqulluudha, waa hin dhokfatu, abo isaan cinqii hin beekanii, kkf nu miidhaa jiran. Nama booree hin beekne nu taasisee jira. Warra waa tokkollee raawwachuu hin dandeenye nu fakkeessee jira. Kanaaf keessi keenya madaa qabu , nama dawaa isaa haqaan nu argutti malee , abbaa halleesstti argisiisaa ooluun miidhama keenya dabaluu ta’ee jiraa of haa qabnu.
7.NAMA DHUNFAA FI DHAABA WAL-QABSIISUU:
Kan baroota dheeraa dhiifnee kanuma bara 2000 asi rakkoo keenya yoo ilaallee irra jireessi isaanii , waan nama dhunfaan wal dhaban, akka dhaabaan wal dhabanitti dhiheessuun ni mul’ata. Bakka itti murteeffatan tokko keessa bubbuluuf waan isa bubbulchu soqachuun kan abbaati. Sirnoonni nuuti keessatti dhalannee guddannee kan nu barsiisan irra jireessa , akka ofii keenyaatti akka  jiraannuf odoo hin taane, nama ilaalaa akka jiraannutti nu guddisan. Waa tokko sirreessuuf murteeffachuun hedduu ulfaataadha. Ega murteeffatanii booda , murtee sana kabajuuf ammo wareegama ulfaataa gaafata. Namni umamaan addaa adda. Kana keessummeesuun dirqii ammuma ta’uu, umama jedhamee akka barbaadan taasiisuuf yaaluunis hin danda’amu. Waan maraafu, Mooraa qabsoo itichuuf yoo barbaachise, mooraa qabsoo kana mana ofii irraa adda baasanii ilaaluu gaafata. Seenunis ba’uunis mirga abbaa ta’us, waadaa Ummataaf seenan nama dhufaan sharafuun hin toltu. Waan hojjannu maraaf adeemsaa fi akka qabaachuu barbaachisa. Kaleessaa fi har’a adda baafachuu barbaachisa. Kaayyoo fi namni dhunfaa waaqaa fi lafa waan ta’eef.
8.QABSOON GONKUMAA HAFATA HIN QABDU:
Qabsoon saboota biro nurra yoo hadhoofte malee , hin mi’ooftu. Hadhaa sana dandamatanii keessa dabruun ammoo Bilisummaa har’a gonfatanii jiranif wabii dha. Qabsoon bifa kamiinu gaggeeffamtu, qalbii magaalaa keessaan kan yaadamtu yoo taate, ykn akka barnoota herreegaa achumatti eegalanii achumatti xumuran odoo hin taane, waan keessa isheetti qabdu akka gaaritti hubachuun dansaadha. Qabsoo keessaa akka barbaadan ba’uu fi seenuuf ykn akka hin taanetti ba’anii deebi’anii diina itti ta’uuf , ykn maaltu na dhibeen keessaa ba’anii moggaa taa’anii ilaaluuf kan nama dirqu sababaa hedduun jiraatus, cichoomiinaa fi hadhaa qabsoo keessaaf dursanii qophaa;uu dhiisuun rakkoo hamaadha.
Namni kaleessa qabsoo keessatti hafata bareedaa eeggatu, yoo dhabe, kakuu seene caccabsee keessaa ba’uun waan hin hafne. Hafata dhabuu fi lafa quqquuqu irra rafuu akka qabdu kan beeku ammoo , yoo afata argachuu baates, lafti iyyuu isaaf hafata taatif. Kanaaf , qooda mataa koon gumaacha jennee qabsoo bifa kamiyyuu yennaa seennu, waan waadaa ummataa caaluu akka hin jirre hubatanii , hafata qabsoo keessaa barbaachuu irraa of qusachuun qabsoo keessatti nama iticha. Namni hafata kana eeggatee qabsoo keessa seene, keessaa ba’uuf ykn finciluuf waa xiqqootu sababa ta’aaf. Seenuu fi ba’uun isaa tokkuma . mooraa kana Afata dhabe jedhee , bakka afata argatutti yennaa achi utaalu, achittis afata hin argatu. Yoo argates, yeroo gabaabduuf ta’a. haalli akkasii ammo , mana gogaa harreen…… jedhamu sana dhugeessa.
9.OF IRRATTI AMANTAA QABAACHUU :
Yeroo tokko tokko , waan dura oluu qabu duuba goonee, isa duubaa ta’u qabu fuullee yoo fidine, waan baayyee nu jalaa jeeqa. Sabaaf dhaabbachuun ofitti amanuun duuba jira. Dursa ofitti amanu barbaachisa. Odoo ofi irratti amantaa hin qabaatiin, sabaaf dhaabbachuu yoo dursine, waan yaannee sana keessatti umurii hin qabaannu. Sabaaf dhaabbachuun ykn qabsaa’uun waa hedduu of keessaa qabdi. Waan isheen nurraa barbaaddu yennaa nu gaafattu, ofitti amanamummaa hin qabnu yoo ta’ee, waan sana baadhachuu dadhabnee, bakka meeqatti kufuuf teenya. Kanaaf ofitti amananii tarkaanfachuun, kaayyoo ofitti cichuuf nama gargaara. Ofitti amanamummaatti aane kan jiru murteedha. Namni ofitti hin amanne, waan fedhe murteessuus, keessa hin turu. Kanaaf waan hojjannuu fi raawwannu hunda keessatti of irratti amantaa qabaachuun barbaachisaadha.
Jireenya qabsoo keessaa kan jireenya magaalaan wal fakkeessinee wal irratti irkannee jiraanna yoo jenne, gaafa rakkoon tokko tokko dhufte, keessaa milquuf kan tattaafatutu heddummaata. Kanaaf mooraa qabsoo kana cichoomiina itti horuuf, yeroo hundaa humna qabeessa taasisuuf, ofitti amanamummaa gabbifachuun barbaachisaadha. Kana booda waan murteeffannu irratti cichinee akka jiraannu nu taasisa. Kakuu jaallanii fi ummata ofiif seenne akka hin cabsine nu gargaara. Qabsootti kan nama oofu, miidhama saba ofiitii malee, namoota dhuunfaa barbaacha miti. Kanaaf qabsoo keessa waa barbaacha seenuun keessaa fiiguu fardeessa. Qabsoon sagantaa torbanii ykn ji’aa miti. Kan barootaa ta’u mala. Kanaaf afitti amananii yoo murteeffatan , waan yaadaniin ummata ofitti galuun waan hin olle.
10. GOLA OFII TIKIFACHUU :
Gola ofii tikfachuun waan ifa jiru. Kan nu waliin sirbe hundi fira miti. Nama qabsiisuuf waliin sirbuun akka jiru hubachuu nama barbaachisa. Bor nama diiguuf har’a , nama waliin hiriire fakkaachuun akka jiru hubachuu qabna. Akka qorannoo tikaa tokko dubbisetti , basaastummaa sadarkaa sadiin kaa’a.
  1. basaastuu waan argite yeroo yeroon gabaaftu,
  2. basaastuu qorannoon gabaaftu
  3. basaastuu, seenaa waliin gabaaftu jedha.
  1. 1.    BASAASTUU YEROO , YEROO GABAAFTU…..
Kun irra jireessa waan jiru guyyaatti . sa’atii, daqiiqaa waan jiru hundumaa , kan argan kan dhaga’an, kan jedhame, kan dubbatame gabaasuudha.
2.BASAASTUU QORANNOO IRRATTI HUNDOOFTU…..
Kun xiqqoo yeroo fudhatee, hordoffii kan of keessa qabu dha. Waan argamu hundaa irratti qorannoo gaggeessanii irratti hojjatan. Kun waggaa fi isaa ol fudhachuufaa danda’a. kana jechuun waan barbaadan sana argachuuf waan barbaadan keessa seenanii hojjachuu, fakkaatanii waliin jiraachuun bakka ijoo argatanii irratti hojjachuu faa’a ni dabalata. Fakkeenyaaf dhaaba tokko diiguuf nama keessa galfatanii ykn isa keessaa bitaniin namoota murteessoo adda baafachisuu, qaama dadhabiinaa barbaachisuu , ega argatani booda ammo akkamiin akka dhabamu irratti hojjachuudha. Kun toftaa biyyoota addunyaa keenya tu’atanin kan qoratameedha.akkasuma shariikoota isaanii ni gorsan.
3.BASAASTUU, SEENAA …
Kun humni tokko waan waggoota dheeraa keessa gaggeeffachuu barbaadu dhugeessuuf, umurii nama tokko illee fudhatani illee kan irratti hojjatanidha. Dhalootallee itti guddisan. Keessattu ummata ykn biyya barbaadan tokkoo of jala galchuuf ykn imaammata ofii fudhachiisuuf seenaa jiru qoratanii waan ittin cabsan qopheeffachuu ni dabalata. Wanni har’a hawaasa keenya irratti hojjatamu kana illee of keessa qaba. Mooraa qabsoo keenyaa keessattillee akkasuma. Qabsoo saba kanaa keessatti hundumtu gola isaa eeggachuu qaba. Har’a wayyaanee gooxii jettee kan nu irratti ijaarte dhira kana of keessaa qaba. Saba tokko dhunfachuuf dursanii ummata sana akka ofii barbaadanitti ijaaru. Kana qalbifannee keessa keenya eeggachuun qabsoo keenya jabeessaa ta’a jedheen amana.basaastoonni akaakuu sadeenii kun qabsoo Oromoo laaffisuu miti dhabamsiisuuf yeroo dheeraaf irratti hojjataniiru. Aadaa keenya qoratanii akka ittin diigamu dandeenyu irratti hojjatanii har’a lubbuu dheerataniiru. (Yeroo biraa itti deebina)
11.WAL TUFFAACHUU IRRAA FAGAACHUU :
Wal tuffachuun eenyun illee gabrummaa keessaa baaftee hin beektu. Mooraa qabsoo keessatti addatti Biyyoota alaa keessatti kan arginuu hedduu nu laaffise wal tuffachuudha. Halgaa gubbaa keenya, keenya tuffachuu jaalanna. Bakka walii laachuun yoo hin jiraatiin waa waliif hojjachuun gonkumaa hin danda’amu. Hawaasi waliif hin abbomamiin bakka yaade hin ga’u. Addunyaa maqaa Dimokiraasiin nutti taphatti malee , dimokiraasii kabachiisuu arginee hin beeknu. Yoo biyya isaanii keessatti gadii dhaabbatanis, bakka biraa akka jiraatu hin fedhan. Keenya ammo kana irra kan hammaatu, Dimokiraasii addunyaa irra hin jirree wal irraa eegna ykn barbaanna. Wal tuffachuu Dimokiraasitti fudhanna. Aadaa mataa keenyaa ala baanee, aadaa faranjiin akka wal tuffannuf nu qopheessiteen wal maraachina. Kana irraa wal eeguun qabsoo iticha.
12,MAQAA ABO BARBAANNAMOO, ABO JALATTI GURMOOFNEE QABSOO OROMOO MILKEESSUUF HIRIIRRA  ?
Keessattu bara 2000 asi saamicha maqaan waan qaanii seenneerra. Maqaa wal harkaa saamuuf yaaluun ykn diina fonqolchuuf yaadu irra , maaliif kaan qabsaa’oota fonqolchinee,ABO butachuu barbaanna. Maqaa ABO kana waan qabanneef ummati nu ismatamoo , waan hojii hojjanneef ummati nu waliin hiriira. ABOn hojjatus dhiisuus bu’ura qabsoo Oromooti. Eenyullee kana haaluu hin danda’u. ummati har’ina qabu waliin dhaaba kana kudhaama kan taasiseef aarsaan kafale salphaa waan hin taanefidha. Kan nama gaddisiiu, tuffii diinni nuuf qabdu nuutis wal irratti yaannee wal kuffisuuf yaaluudha. Maqaa ABO jettu qofaa rarraafannee ummata biratti mul’achuuf yaalla taanaan fagoo hin deemnu. ABOn ummata gurmeessee qabsoo oromoo milkeessuuf deema malee, maqaa qofaan kan daldalu natti hin fakkaatu. Maqaaf kan daldalu, kan maqaa barbaacha obboleessa isaa galaafatu qofaadha. Kun sammuu keenya keessaa ba’uu hin qabu. ABO jalatti kan gurmoofneef, ABO keessatti humnaan akka hirmaannuf kan waamamne odoo hin taane, qabsoo oromoo milkeessuuf ABOn walitti nu qabe. Ilaalchi har’ina qabu kun namoota hedduu gola salphinaa keessa hiriirsee jira. Kana haa hubannu.
Waan kaleessaa kaasan hin dhumatu. Garuu waan hafan mariin waliif hubachuun ni danda’ama. Kun hundi garuu waa akka irraa barnnuf. Barachuu kechuun xiqqaa fi guddaa hin qabu. Qabsoon keenya jabaachuu fi laafachuu keessatti hunda keenyatu jira. Hundi keenya itti bobba’uun inumaa balaa kanaan duraa irraa baraarra. Qabsoon kun injifannotti ce’uu odoo eegalee rakkoon amma abdii nu kutachiisu ykn wal nu nyaachisu galgala tokkotti bada. Kana gochuuf qooda dhuunfaa kaafnee gumaachinutu bu’aa argamsiisa.
Har’a namoonni hedduun , Mooraa qabsoo tokkomsuu keessatti warra hojjataa jiraniin maaliif lafa irra harkiftu ? jechuu bakka maraa dhageenya. Odoo waan hundi xumuramee Ummati waan hawwu asi ba’ee hundaaf tola . garuu obsa qabaachuutu gaarii ta’a natti fakkaata. Waan buqqa’uu qabu buqqisuu qofaa odoo hin taane, akka deebi’ee hin biqilleetti buqqisuutu furmaata. Waan dhaaban tokko akkuma kaleessatti dhaabnaan , ammas jiguun hin hafu. Kanaaf akka itti dhaabbatu, bakka dhaabbatu, haala akkamiin akka dhaabbatu waliin mari’achun dansaadhaa Yaa obsinu. Waan tolaan hunda keenyaaf tola . rakkoo dabree miriqsanii irratti hojjachuun dansaadha. Ammasitti waan dhuunfaa kaafnee nu irraa eegamu gumaachuuf of qopheessuu, dogoggora dabre akka irra hin dabi’amneef waardiyyaa dhaabbachuuf of qopheessuun qabsoo kanaaf waa gumaachuttan fudha. Addunyaa irraa , kaka’umsa mataa isaaniin dhimma oromoo addunyaatti beeksisu irratti kanneen socha’uu eegalan jabaadhaa jechuun barbaada. Qabsoon miseensa dhaabaa qofaan kan milkaa’uu miti. Mucaa Qooqan Oromoon, Afaan hiikkattu illee ni dabalataa GALATOOMAA !!!!!!!!!
Burqaa430@gmail.com

No comments:

Post a Comment