Friday, June 14, 2013

Qeerroo- Walaloo Jaal Abdii Boori

Walaloo Qeerroo
Walaloo Qeerroo
Q Qee Abbaa keenyaa Oromiyaa deeffachuuf!
E Eenyummaa Saba keenyaa Tikfachuuf!
E Ejjennoo hin daddaaqabne qabannee!
R Roga hundaan QB finiinsinee!
R Roorroo diinaa ofirraa mancaafnee!
O Oromiyaa wala-boomsuuf Irbuu senne!
O Oromoo saba keenya bilisoomsuuf waadaa lammiif seenne!
Namni Muka hin yaabbannee,
Nama Miila Tokkootii,
Dhiirti /Lammiin/ biyyaaf hin duullee,
Kan qomoof Hin dirmannee,
Dhiira Cinaan/Kolaan/tokkootii!
Marrataan Kottee hin qabuu,
Barruusaati Jaatamaa,
Dabeessii Onnee hin qabuu,
Marrumaantuu raafamaa!
Abbaya malakaa siree,
Nooraa karaa Bidiruu,
Ani yooman garaa iree,
Yartuuttun garaa ha hirtuu!
Baddeessaa muka faachaa,
Oomii Muka Waaqayyoo,
Anoo kan namaan faachaa,
Koo ammoo Yoomi Waaqayyoo?
Qiqqiriixaniitii Jiddu lamaan Uruu,
Maal maqaan qaqqallii,
Qabsoo Finiinsaanii,
Diina mo`aniitii gita namaa buluu,
Maal maqaan Gabbarrii!
Diina figgimsaan,
Mirga guuttuun bulu.
Yeroo Iriyyaan kee mana qayyifattuu,
Mana gubdi seetee? Jedhu.

No comments:

Post a Comment