Monday, June 17, 2013

Waggaa 25ffaa SBO Kabajachuuf Jettu Sababaa Jedhuun Barattooti Oromoo 5 Hidhaman.

Waxabajjii 18,2013 Sabbataa
Sagaleen Bilsiummaa Oromoo(SBO)n wagga 25ffaa isaa kabajachaa kan jiru Oromomiyaa keessattis barattooti Oromoo bakkoota adda addaatti haala miidhagaan kabajachaa akka jiran beekamaa dha. Haaluma kanaan barattoota Oromoo Kolleejjii Barsiisota Sabbataa keessaa kanneen baratan ergama ABO qabdu guyyaa SBO wagga 25ffaa kabajuuf jettu sababaa jedhuun seeraan ala tika Wayyaaneen qabamanii mana dhihaa Waajjira Poolisa Aanaa Sabbataa ganda 01 keessatti hidhamanii akka jiran gabaasi Qeerroo kolleejjii Barsiisota Sabbataa irraa addeessa.
Barattooi kunis :-
1.Dinqaa Mangistuu-Keemistirii 2ffaa bakki dhalootaa Qellem Aana Anfillooti.
2.Seefuu Taammiruu-Keemistirii 2ffaa-Bakki dhalootaa Wallagga Lixaa Aanaa Sayyoo
3.Obsaa Sabbooqaa-Civics 4ffaa,Bakki dhalootaa-Wallagga Lixaa Najjoo
4.Warqinaa Tolasaa-Civics 4ffaa,Bakki dhalootaa Shawaa Kibba Lixaa,Aanaa Dawoo
5.Saamu’el Alamuu-Hojjetaa Mootummaa kollejichaa.
Barattootni kun mana barumsaa fi bakka jireenya isaanii irraa qabamuun hidhaman.

No comments:

Post a Comment