Thursday, April 17, 2014

Gaaffii Mirgaa Barattoota Oromoo Yuuniversitii Adaamaatiin Har’a Ebla 16 Dhiyaate! FDG Itti Fufe!


Qeerroo Oromiyaa

Gabaasa Qeerroo Yuuniversitii Adaamaa Ebla 16,2014

Qeerroo yuuniversitii Saayinsii fi Teknoloojii Adaamaa irraa Ebla 16 gabaasa dhiyaatuun barattootni oromoo mooraa yuuniversitii Adaamaa keessatti argaman cunqursaa fi miidhaa mootummaan wayyaanee uummata oromoo irratti gaggeessa jiru dura dhaabbachuuf akkasuma weellistoota nafxanyaa sirnaa fi kaayyoo isaan sammuu isaanii keessaa qaban bakka dhabamsiisuudhaaf ifatti gaaffi mirgaa qabachuudhaan guyyaa haraa Ebla 16 hiriira adeemsisuu irratti kan argaman gabaasni isaanii addeessa.
Akka madda gabaasichaatti wal duraa duubaan moorichatti kan adeemsifame barattootni oromoo dursanii hiriira bahuudhaaf waraqaa adda addaa maxxansanii jiru,hiriira as bahuudhaa asitti jaleewwan diinaaf dalagan kan moorichaatiin qindoominni kun jiraachuu isaa hanga hundee mootummichaatti odeeffannaa dhaamuudhaan waraannii fi dhimmoonni nageenyaa osoo hin hafin mooraa yuuniversitii Adaamatti wal gahanii oolan,kun dursee barattootni oromoo hiriira bahuun dura, yaada gala laaffessaatiin gara barattootaatti bakka wal argee barattootaa Amfii Tiyaatir jedhamutti barattoota oromoo mara walitti qabuudhaan gaaffii qabdan hundumaa osoo hin hambisin tokko lamaan isin keessumsiisnaaa nuuf dhiyeessaa kan jedhan waajjiraalee dhimma nageenyaa fi poolisoota oromiyaa walumaa gala kaabinoonni wayyaaneedhaa hafuura tasgabbii qabu gaaffii dhiyeessitan hunda nuti fuunee deebii isaa itti kennina jedhuun barattoota hunda irraa akka armaan gadiitti gaaffii isaanii funaannatanii oolan, gaaffii barattootaa wal duraa duubaan:-
  1. Ammatti utuu iji keenya arguu suurawwan habashootaan maxxanfame mooraa kana keessatti suuraa Minilik bakka jiru hunda irraa haa buqqau kan jedhu gaaffiin dhiyaate kunis kallattumaan osoo barattootni ilaalanii presedaantiin moorichaa mooraa keessa deemuudhaan suurawwan minilik buqqisanii jiru,kun gaaffii barattootaa hatattamaan deebieedha.
  2. Manni maxxansaa yeroo ammaa gabaa irratti kitaaba Inqu jedhamu tamsaasaa jiru kun amma irraa kaee akka dhaabbatu tahuu baannan lubbuu baayeen itti bahuun isaa waan hin oolleedha kan jedhu gaaffiin dhiyaate ammo yeroo gabaabaa keessatti furmaata isaa argitu jedhame,
  3. Siidaan minilik magaalaa Finfinnee keessaa diigamee siidaan gootota oromoo wareegamanii nuuf haa ijaaramu kan jedhuufis qaamonni wayayanee dhufanii gaaffii kana fudhatan itti walii galanii waadaas seenanii jiru,
  4. Lafti oromoo duraan gurguramaa tureera, ilmaan oromoo hedduun kanaan rakkinatti galee waan nyaatu dhabee lafti qabu dureessa wayyaaneef kennamee jira,yeroo gabaabaa keessatti lafti oromoo gurguramee jiru haa deebiuuf beenyaa gahaan kennamuufii qaba,yeroo dhiyoo keessatti deebii kanaa isin irraa eegna,
  5. Lafti oromoo maaliif abbaa qabeenyaaf kennama utuu jennu ammo naannowaan Finfinnee federaala jala galchina jettu,kun gonkumaa tahuu hin qabu,amma jala murree isinitti himna, kun taee argamnaan barataan kamuu qabsootti seena,barumsas hin barannu,amma irraa kaaatii nu hubadhaa nu fixuuf yaaddu yoo tahe ammuma nu fixaa irra deebinee jenna naannowaan Finfinnee federaala jala galuu hin qabaniin maqaa tokkummaa barattoota oromoo yuuniversitii saayinsii fi teknoloojii Adaamaatiin murtoo keenya dhiyeeffanna.
  6. Barataan oromoo yakka tokko malee barumsa irraa ariyamee qabamee hidhamee,kan barate ammo hojii dhabee jireenya gaddisiisaa daandii irra bulaa deemu kun amma irraa furmaatni itti haa godhamu kan hidhame haa bahu,kan ariyame barumsa isaatti haa debiu,kan baratee hojii dhabee jiruuf hojiin haa kennamu.
Kan jedhuun barattootni oromoo mooraa kana keessatti guyyaa guutuu barumsa osoo hin jedhin gaaffii mirgaa kaasuudhaan iyyaa oolani, guutummaa guututti qaamni ABO jiraachuu waan shakkaniif akka waan hidhataa ykn waraanni WBO mooraa keessa jiruutti ijoollee oromootu dubbii kaase jedhuun waraanaa fi poolisoota isaa mooratti ramadee jira,kun ganama saa tokko irraa kaasee hanga galgala keessaa saa 2 tti ture,basaastonni wayyaanee moorichatti ramadamanii jiru,barattoota fakkaachuudhaan mooraa keessallee bulanii jiru kan jedhus gabaasni dhiyaate addeessa. Ija kaabinoota wayyaanee duratti barataa huccuu suuraa minilik uffatee jiru kan ittiin dhaadatu irraa baasuudhaan gubanii qullaatti hambisanii jiru,kana irratti kaabinnoonni waltajjii san irra ijaajjanii walgayii kana gaggeessan naasuudhaan afaan qabatan,kunis tokkummaan barattoota oromoo akka cimetu isaaniif ife,kanumaan kan wal qabate yuuniversitii hawaasattis gaaffiin mirgaa dhiyaachuuf barattootni oromoo ijaarsa gaarii irra akka jiran gabaasni addeessaa jira, haalli jiru itti fufee gabaasa irratti dhiyaata.

1 comment:

  1. waan namatti toluufi warra kaanifillee barumsa tahudha. Oromoonni Yuunivarsiitii Finfinneellee Waa'ee Godinoota addaa Naannawaa Finfinnee Finfinnee jala galchuufi kan biroo irratti kanarraa barachuu qabna

    ReplyDelete