Tokkummaan Jiraatnaan Injifatnoon Jira!!  Hojii Boonsaa Gamtaa Barattoota Oromoo Yuuniversitiin Jimmaa !!
QerroooEbla 17/2014 Goototni Barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa gaaffii mirga kabajamuu mirga saba Oromoo fi falmii mirga abbaa biyyummaa Oromoo kanneen akka gaaffii Magaalawaan Oromiyaa gurguddoo fi nannaawaa Finfinnee Adeemsii Finfinnee fi Federaalaa jala galchuun to’achuuf Mootummaan EPRDF shira uummata keenya irratti hojjechaa jiru uummata keenya irraa dhaabbachuu qaba, mirgii uummata keenyaa sarbamaa jiru kabajamuu qaba jechuun gaaffii mirgaa iyyaannoo isanii irratti dhiyeeffachuun bulchiinsa Yuunibarsiitii Jimmaatti dhiyeeffachuun Ebla 11/2014 hanga Ebla 12/2014tti bara FDG kaasuun ni yaadatama.
Gaaffii mirgaa barattooti kaasaniin wal qabatee guyyaa mormiin bahame sanitti sagalee  keessan kaaftanii dhadannoo dhageessiftaniittu,mootummaa irratti hiriira qindeessitaniittu sababoota waraanni mootummaa Wayyaanee fi poolisii mooraa Yuunibarsiitii Jimmaa keessatti argamuun barattootni Oromoo nagaan kudhan (10) kudhan qabanii hidhuun buufata Poolisa Yuuniversitii Jimmaa keessatti hidhan.Godhchaan Wayyaanotaa kun sirrii akka hin taanee fi daba Oromoo irratti raawwachuu ta’uu kana aarse gootonni barattooti Oromoo Yuniversitii Jimmaa tokkummaa isaanii cimsuun gamtaan harka walqabachuun Waajjiraa poolisii Yuunibarsiitii Jimmaa keessa jiru marsuun barattootni keenyaa gaaffii keenya gaafatan malee yakka tokko illee hin qaban gadhiifamuu qabu, gaaffiin gaaffii waliigalaa hunda keenyaati amma hatattamaan baratootni keenya gadhiifamuu qabu jechuun sagalee mormii guddaa dhageesisuun baratoota Oromoo tohannaa loltoota Wayyaanee jala galan harka eegdotaa irraa gadi lakkisiisuun fudhatanii deebi’uun dhaadannoon tokkummaa fi eenyummaa isaanii diinatti argisiisuun eenyummaa isaanii
kabachiifatan.
Baratootni Oromoo poolisotaan dararaman kunis:-
1.Barataa Galaanaa Abbabaa, mummee Governance and Developmental
studies, waggaa 3ffaa,
2.Barataa Abdii Turaa, mummee seeraa waggaa 5ffaa
3.Barataa Zabbanaa Tamasgeen, muummee afaan Oromoo Folklore waggaa 3ffaa
4.Barataa Mo’iiboon Baqqalaa , mummee health officer waggaa 2ffaa
5.Barataa Israa’eel Haptamuu
6.Barataa Ibsa(Girma) Nagaasaa, Mummee Governance and developmental
studies waggaa 2ffaa
7.Barataa Darajjee , Mummee Chemistry waggaa 3ffaa,
8.Barataa Falmataa Bayechaa, Mummee Medicine waggaa 4ffaa
9.Barataa Gadaa Hubataa, Mummee Economics and Business waggaa 3ffaa
10 Barataa Bariisoo ,Mummee Afaan Oromoo Folklore waggaa 3ffaa
Yeroo tahan kanneen kaan bakka isaan mooraa Yuuniversitii keessa hin jirretti bilbilaan warri doorsifaman barattooti lama haala kanaan rakkoo keessa jiraachuu beekame. Kanneen kunis
1.Barataa Sanyii Iddoosaa , Mummee medicine waggaa 5ffaa bakka inni internship dhaaf ba’ee jiruutti bilbila irratti bilbiluun kan doorsifama jirudha.
2.Barataa Guutasaa Jaalataa , Muummee Medicine waggaa 5ffaa akkasuma bakka inni interniship dhaaf ba’ee jiruutti bilbiluudhaan kanneen dorsifamaa jiran kessa tokko ta’uun beekamadha. Hallii tarkaanfiin abbaa irruummaa dabbaloota wayyanee gootota baratoota Oromoo irratti rawwachaa jiran daran kan fincila diddaa garbummaa qabsiisa jiru ta’uu hubatamee jira, kanuma irraa ka’uun baratootni Oromoo nuti gaaffii karaa nagaa dhiyeeffanneef baratootni keenyaa hidhamuu doorsifamuu hin
qaban warren barattoota keenyaa doorsisa jiran seeraatti nuf dhiyaachuu qabu jechuun gaaffii isanii jabeessuu irratti argamu. Kana malees Yuunibarsiitii Jimmaatti gamtaan tokkummaan baratoota Oromoo haalaan jabaachuun seenaa qabsoo Oromoo keessatti bakka olaanaa qabachaa kan jiru ta’uun hubatame jira. Haalli kun mootummaa abbaa irreetti yaaddoo fi dhiphina guddaa yoo ta’u, uummata Oromoo fi sabboontota Oromoof abdii guddaa ta’uun beekame jira.