Ebla 30,2014 Gabaasa Qeerroo Ballammii
OromiaALutaContinua2011FDGEbla 30/2014 Godina Lixa Shawaa Aanaa Midaa Qanyiitti FDG Gootota barattoota Ooromoo M/B Ballaammii sadarkaa 2ffaa fi qopha’inaa fi uummata Ooromoo Magaalaa Ballaammiitiin har’a sa:aa 8:00 wd irraa eegaluun amma gaggeeffamaa jira, hirirri nagaa kun gaaffii barattootni kenyaa dhaabbilee barnoota olaanoo kanneen akka yuunibarsiitii Jimmaa, Harammaayyaa, Amboo, Adaamaa, Wallaaggaa, Mattuu fi Bulee Horaa kaasaa jiran guttummaan isaa Ggaaffii keenya jechuun sabboontotni Bbarattootni mana barumsaa Ballaammii sadarkaa 2ffaa fi Qophaa’inaa uummaata Mmagaalaa Baallaammii waliin ta’uun hiriira guddaa gaggeessuu irraatti argamu. Akkuma dhaabbilee barnoota olaanoo Gaaffii isaanii iyyaannoodhaan karaa seeraa qabeessaa ta’een Bulchiinsa aanaa Midaa Qanyii fi Bulchiinsa M/B Baallaammiitti galchachuun hiriiraa mormii guddaa kan uummata 4000 ol hirmaachisee gaggeessuu irraatti argamu, 
 Yeroo amma kanatti akkuma baratame mootuummaan abbaa irree wayyaanee humna waraanaa liyuu hayil fi kora bittinneessa jedhamu hiriiricha dura dhaabuun, Gaazii summa’aa kan nama boosisuu irraatti dhukaasuun bittinneessuuf yaalii guddaa godhus uummaannii fii barattootni nuti mirga keenyatu sarbamee mirga keenyaaf falmannaa jechuun FDG haalaan qinda’aa fi jabaa ta’ee itti fufee jira. Bbarattootni Mana Barumsaa Gabaa Kamisaa sadarkaa 1ffaa kutaa 1 -8ffaa barachaa jiran mana barumsaa gadhiisuun yeroo kanatti hiriirichatti makamaa jiru, Dargaggootni Oromoo mAgaalaa Ballaammii fi Barattootni Ooromoo Magaalaa keessaa nannaa’uun dhaadannoo isaanii dhageesisuun itti fufe. gabaasaan kun itti fufa.