Friday, October 17, 2014

Diimaa Nagawo Finfinnee Gale



download-1
(Oduu, Oromedia, 17 Okoloolessa 2014) — Yeroo garaa garaatti Itoophiyaa haarosuuf fedhii akka qabu ibsaa kan jiru, Dr Diimaa Nagoo, torbee kana keessa Finfinnee deemuun dhagayam.
Maddi keenya Finfinnee irraa akka gabaasetti, Dr Diimaan Finfinnee erga gahee booda qondaltoti OPDO waliin  walarguun beekame.
Turtii haga ammaa keessatti namoota hagoo isaanitti dhiyaatan waliin dhimma qabsoo Oromoo biyyatti deebisuu fi karaa nagaa hojjachuu irratti haasaáa jiran.
Mariin ammaaf ifatti himame jiraachuu baatus, warri dhimmicha quba qaban akak ibsanitti, Dr Diimaan haala ummati Oromoo keessatti argamu hubannaa gahaa hin qaban.
Yeroo mootummaan Itoophiyaa filannoo bara dhufuuf qophiitti jiru kana, Dr Diimaan Finfinnee deemuun isaa paartii dhiyeenya kana tolfatan ODF galmeessisuuf akka taétti dubbatamaa jira.
Oduun gara biraa ODF filannoo bara dhufu Itoophiya akeessatti gaggeeffamu irratti hirmaachuuf iyyannoo galfatu illee haga yoonaatti boordii filannoo irraa deebii hina rgatiin akaka jiru amdeen gabaasan.
ODF galee akak dorgomuuf fedhii guddaa qabaatu iyyuu, warri TPLF garuu shakkii waan irraa qabaniif hayyama kennuun dura ODF qorachuu fi duubbee isaanii xiinxaluutti akak jiran keessa beektoti Oromidaf ibsanii jiru.
Oduun walqabatee nu gahe akak ibsutti, Dr Diimaan Finfinnee kan deeme sirna awwaalcha amaatii isaa kan Aadde Tsahaay Tolasa irratti argamuuf jedhameera.
Seenaa qabsoo Oromoo keessatti waantita faallessaa dhiyeenyatti yaadataman keessaa tokko Dr Diimaan “ABOn kan hundeeffame warra Itoophiyaa irraa adda taúuf malee walabummaa Oromiyaaf hin turre,” jedhan.Hunda caala kana anma dhibu immoo, Ob Leencoo Lataa bara 1990moota gara jalqabaa keessa Ob Ibsaa Guutamaan hiiksisa’ jedhanii Finfinneen bahuu dha. Yeroos ana keessatti immoo waraanni ABO kuma 20 manneen hidhaa keessatti gidirfama jiraachuun kana yaadatamuudha.
Source: Oromedia

No comments:

Post a Comment