Thursday, October 9, 2014

Hawaasni Oromo Ingilizi (UK) ayyaana irrecha bara 2014 Fulbaana 27 sirna ho'atin kabajatee ole

Posted by
Onkololeessa 09, 2014Hawaasni Oromo Ingilizi (UK) ayyaana irrecha bara 2014 Fulbaana 27 sirna ho'atin kabajatee ole. Sirna kana irratti ummatni sa'atii 11tti walitti qabamudhan Waaqa weddudhan galateffataa, araara kadhataa gara laga ebbaatti demudhan qarqara bishaan kanaatti ebbi rawwatera.
Ebbi kun bakka bu'ota gadaa Birmajii, Bultuma, Horata, Bahara fi Robalee tin kenamera. Irrecha ilaalchisudhan ibsi gabaaban erga kenname booda bakkasanatti ummatni birraan barite, goolin baate sirba jedhun gammachusa ibse gara sagantaa bashannanatti qajelan. 
Sagantaan kun sa'atii 15-21 kan ture yammu ta'u nyaataa, dhugaati fi sirbi aadaa dhihatani ummatni tokkummasaa ibsudhan sagantaan gammachudhan rawwatera. Barri kun bara tokkumman, mararfannoo fi safun Oromo ummata kenya kessatti akka dagaagu hawwi kenya. 
Koree Hojii Rawwachiftuu Hawaasa Oromo UK.



No comments:

Post a Comment