Thursday, October 16, 2014

Hogganoota Wayyaaneen Kan Durfamu Leenjii Siyaasaa Bakkoota Adda Addaatti Hojjettoota Fayyaaf Kennamaa Jiru Wal Diddaa Hammeesse

  • Onkoloolessa 15,2014 Finfinnee
    diddaa9Hojjetoonni mootummaa ogeessota fayyaa hospitaalaa fi buufata fayyaa magaalaa Finfinnee keessaa hojjetanii fi kutaa biyyaa garagaraa keessaa hojjetan leenjii turban lamaa mootummaan Wayyaanee kennaafii ture ammas kan itti fufee jira. Leenjiin siyaasaa hojjetoota fayyaa Wayyaanee kennamaa jiru bara mootummaa aangoo isaa keessatti mootummaan miidhaa maalii uummata isaa irraan gahee? Maqaa misoomaan wal qabsiisanii, mootummaan EPRDF uumataaf mishooma baldhise malee qotee bulaa lafa irraa hin buqifne sababa dhimma filannoo dhufuuf jecha dursee hojjetoota amansiisuuf yaalii gochaa jira, haata’u malee hojjetoonni ogeessota fayaas tahe hojjetootni biraa gaaffii dhimmoota mirga namoomaa fi mindaa ilaalchisee gaaffiileen jajjabduu waan irratti ka’aa jiruuf bakkoota hedduutti rakkoon qondaalota Wayyaanee walgahii dhimma kanaa gaggeessan mudachaa jira.
    Mootummaan dhimma filannoo dhufu ilaalchisee daandii ittiin filamu hojjetoota isaa sobaan amansiisuu malee dhimmi miindaa dabaliinsaa irratti waan dubbataa jiru hin qabu, mootummaa Wayyaanee ammas haalli isa yaaddeesu utuu jiruu, filatamuudhaaf shiroota adda addaaf qophii isaa xumurachuu malee dhimma hojjetoota isaa mil’achaa waan hin jirreef leenjii ogeessota fayaa jedhee yaada irraa fuucha jiru irrattis gaaffiin ka’aa jiru olola sobaa miti kan feenu dabaliinsa miindaa fi miga namoomaati  feena jechuun walgayii Wayyaanotaa kana  irratti diddaa kaasanii jiru.
    Gama biraan gaaffiin barattooti Oromoo kaasaa turanii fi jiran gaaffii mirgaa fi haqaati kan jedhu hojjettooti fayyaa kun bakkoota adda addaatti qondaalota Wayyaaneetti kaasanii jiru. Kana malees dhimma filannootiifis namoota horiidhaan gowomsaa jiraachuun waan ifaati, horii fi aangoo akkasuma shira isaa abdatee waan jiruuf
    mootummaan Wayyaanee gaaffii hojjetootaas tahe gaaffiin mirgaa karaa garagaraan ka’aa jiru isatti kan dhaga’amaa hin jirreedha, gaaffiin dhimma miindaas hojjetootaan diddaan itti fufuuf dhagayamaa kan jiruudha.

No comments:

Post a Comment