Monday, October 13, 2014

Leenjiin Maqaa “Imaamataa fi Tarsiimoo Mootummaa” Jedhuun Barattoota Yuuniversitii fi Manneen Barnoota Sadarkaa 2ffaaf Kennamaa Bahe Bu’aa Tokko Malee Xumurame.

Gabaasa Qeerrooo Finfinnee Onkoloolessa 12,2014

OromiaALutaContinua2011FDGKaroorri mootummaa abba hirree wayyaanee leenjii poolisiiwwanii fi tarsiimoo mootummaa  jechuun uummata Oromoo addatti barattoota Oromoo afaan faajjiif qopheeffatee baatii lamaaf marsaa marsaan walitti qabee gaggeessaa ture bu’aa qabeessummaa tokko malee qaanii fi salphina ergamtoota Wayyaaneetiin xumuramee jira.
Leenjiin afaan faajjii kun barattoota dhaabbilee ol aanoo irra barataa turaniin eegalee bu’aa malee gaaffii mirgaa fi diddaan guddaa gaggeeffamaa kan ture tahuu irra dabree barattoota hedduu mana hidhaatti kan darbe, gariin kan qaamaa hir’isee fi lubbuu dabarse tahee, marsaa lamaan kan xumurame yoo tahu; itti fufuuniis barattoota haaraa gara dhaabbilee ol aanaatti ramadaman barattoota manneen barnootaa sadarkaa 2ffaa fi qopha’inaa fi barsiistota sadarkaa adda addaa irra jiran torbaan lamaaf tibbana gaggeessaa ture bu’aa malee diddaa fi gaaffii garaa garaan kan lukkeewwan mootummaa abba hirree Wayyanee muddaa turee fi qaaniin afaan qabachiisaa ture  Onkoloolessa 9 bara 2014 abdii kutannaa mootummaa gabroonfataan irraan gahee jira.
Onkoloolessa 9 bara 2014 akka walii galaatti barattoota dhaabbilee ol aanaa fi sadarkaa 2ffaan xumuramutti, gootonni barattoota dhaabbilee ol aanaa fi manneen barnootaa sadarkaa 2ffaa garaagaraa faaruwwaan qabsoo fi dhaadannoowwan garaagaraa mooraa barumsaa fi dallaa Yuuniversiitiiwwan keessatti sa’aatii dheeraaf dhageessisaa ooluun murannoo fi ejjennoo isaanii ifaan ifatti ergamtoota mootummaa gabroonfataatti agarsiisaniiruun injifannoon bahanii jiru.

No comments:

Post a Comment